Islamic Network

Islamic Network خادم الحرمين الشريفين

17/09/2026

🛶⛵️ Bidiruun [dooniin Hin Imalle Daandaa'uutu Isii Nyaata Akkasuma Ilmi Namaatiis

🧭Jireenya Kana keessatti socho'uu fi sochii keessa galuu yoo baatte daandaa'uun kee hafa qabu

🛶Dooniin bishaan keessa deemuu yeroo dheertuuf yoo dhiifte akkuma daandooytutti Namniis Jijjiiramaaf socho'uu yoo dhiise Milkaa'inarraa duubatti hafuu dandaha

🍀Ilmi Namaa Daandii jijjiiramaa fi Milkaa'inatti ittiin gahu Argachuuf waa baay'ee keessa Imala akka fakkeenyaatti

🍀 Ilmii shari'aa barachuuf Ibaadaadhaaf Naggadaaf barnootaa Ammayyaa barachuuf bashannanaaf, godaansaafiis ni Imala

🍀Namni hangamillee dandeeytii fi beekumsa yoo qabaatte jijjiiramaaf Tarkaanfii Yoo Hin jalqabne daandaa'uun Isaa hafa qabu

🍀kanaaf yeroo takka takka hanguma dandeeytii teenyaatti imaluun hedduu gaariidha.

Jiruun tun Ati yoo itti hojjannee Isiitu deebi'e Sitti Hojjata 🤔

🤲Rabbiin diinii fi duniyaan nu haa milkeessuu
Share godhaa obboleeyyan kessaniif qoodaa

✍️ Daily Islamic reminders

Aamiin Yaa Rabb
16/09/2026

Aamiin Yaa Rabb

🤲Aamiin

15/09/2026
Aamiin
15/09/2026

Aamiin

🤲Aamiin

14/09/2026

🧭Jechoota Dhaamsa Gurguddaa Of Keessaa Qaban kan sheikh Ahmed Diiidaat dubbatan..Muraasa [Rahimahullaah]..Ballinaan Dubbisaa .....................................
🍀Islaamummaan qaroomina warra dhihaa Irraa duubatti hin hafne garuu diin keenya lafatti lakkisuu fi laaftuttii ilaaluudhaan yoo duubatti hafne malee

🍀“Islaamummaan si waliinis ta’ee si malees yoomiyyuu ni moo’ata,
Ati garuu Islaamummaa malee ni badda, ni kasaarta.”

🍀Qur’aana dubbisi; jireenya keessatti gaaffilee si dhiban baay'eedhaaf deebiif furmaata waaraa argatta.”

🍀“Namni Musliimaa amantii isaa beekuu qofa osoo hin taane, ibsuus dandahuu qaba.”

🍀Amantii kee beekuun Akkuma barbaachisu Amantii biraas hubachuuf yaali.”

🍀Beekumsi malee falmiin, akka waraana rasaasa hin qabneeti.”

🍀“Dhugaan yoo si wajjin jiraate, namni si mormu baay'achuun si hin sodaachisu.”

🍀“Barachuun mootummaa sammuu irratti mootummaa qabaachuu dha.

🍀”Dhugaa irratti gad dhaabbachuun yeroo tokko tokko Ni ulfaata, garuu injifannoo fi milkaa'ina waaraa fida.”

Warra gorsa qaalii kana Itti Fayyadame Addunyaa fi Aakhirattis ittiin milkaawe Rabbiin nu haa taasisu

Share godhaa obboleeyyan kessaniif qoodaa Addunyaa biraan gahaa



✍️ Daily Islamic reminders

13/09/2026

🧭 Hasan Al-basriin Rahimahullaah Akkana Jedhan
🫀Badiinsi qalbii waa jaha Irraa Madda [dhufa].....Isaaniis.......................
🍀1 Towbaa kajeeluu wajjiin Dilii dalaguudha

🍀2 Baratanii waan baratan itti dalaguu dhabuu

🍀3 hojii yeroo hojjatan Qulqullummaa [Iklaasa] dhabuu

🍀4 Rizqii Rabbiii Nyaatanii Rabbiif galata galchuu dhabuu

🍀5 Waan Rabbiin Isaaniif qoodu Jaalachuu dhabuu

🍀6 Du'aa isaanii Awwaalanii ittiin Gorfamuu dhabuudha .

🤲Warra Gorsa gaarii kana Itti fayyadamu Rabbiin Nu haa taasisu
Aamiin Allaahumma Aamiin

Share godhaa obboleeyyan kessaniif qoodaa

✍️ Daily Islamic reminders

🕋 "The Holy Kaaba is a place where the hearts of trillions upon trillions of Muslims find their deepest devotion..." 🕋  ...
06/09/2026

🕋 "The Holy Kaaba is a place where the hearts of trillions upon trillions of Muslims find their deepest devotion..." 🕋

05/09/2026

Ati Qaaliidha Ulfina Kee Caphsitee Hin jiraatin

Address

Jeddah
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Islamic Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Islamic Network:

Shortcuts

Share