04/09/2022
.
NAMA JAALATTU TOKKO
ππππππππππππ
β Faayidaa nama si jaallatu tokkoo gaafa inni sirraa adda ba'e barta!
β Nama dhugaan si jaallatu tokko irraa addaan bahuuf sababa hin barbaadiin, gaafa adda baatu ni miidhamta!
β Nama jaallattu tokko utuu qabduu isa irra dhaabattee kan biraa hin barbaadiin, jaalalli cubbuudhaatii!
β Erga nama tokko wajjin sin jaalladha jettee waliif galtee yoonni si gane malee ati isa hin ganiin, atis bor ni ganamtaati!
β Nyaadhuu gara fira keetti garagalii liqimsi akkuma jedhamu.
β Nama jaallattuuf nyaadhu malee isa hin nyaatiin ykn ishee hin nyaatiin!
β Jaallatanii hin godooman waaqatu akka fedhetti nama uuma akkuma jedhamu, waan taateef waan kessa jirtutti hin gaddiin carraatu namaaf keennaatii!
β Bishaan yaa'aa bulee kan namaaf qabe waraabbatu akkuma jedhamu, kun na darbe sun na darbe jettee hin gaddiin addunyaan iyyuu geengoo waan ta'eef, kana jechuun wanta si darbe deebitee haala biraan ni argatta!
β Jaalladhe waanan dhabeef ani lammata hin jaalladhu hin jedhiin! sababni isaa namni tokko yoo madaa'e madaan isaa utuu hin fayyiin waan hin hafneef!
β Namni ati jaallattu tokko utuu ati isa jaallattuu sirratti yoo inni nama biraa jaallate , nama sana dhiisi onneen isaa siin waan hin barbaanneef kan biraa jaallateetii!
β Jaallatanii dhabuu, hojjetanii kaassaruu irraa isin haa baraaru!
β Kaa'anii dhabuu, bahanii galuu dadhabu irraa isin haa baraaru!
Horaa Bulaa!