Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Ganda Cirracha 03

Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Ganda Cirracha 03 Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Ganda Cirracha 03, Real Estate, Grawe, Addis Ababa.

06/07/2026
17/09/2025
02/09/2025

"Nuti Abbayyaa Hiine Malee Naayil Hin Hiine" MM Abiyyi Ahimad (PhD)

02/09/2025

"Bu’uurri Itoophiyaa deeggartummaarraa baasuuf dandeessisu kaa’ameera!" Dr Laggasaa Tulluu
= = =
Waggoottan torban darban damee hedduun hojiilee hojjetamaniin bu’uurri Itoophiyaa deeggartummaarraa baasuuf dandeessisu kaa’amuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu dhimmoota waaqtawaa irratti ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Waggoottan torban darban adeemsa misoomaan ijaarsa dimookiraasii hirmaachiisaan inijifannoo hedduu galmeessuu ibsaniiru.

Riifoormii mandhaleen durfamuu, oomishtummaa guddisuu akkasumas walabummaa nyaataa mirkaneessuuf milkaa’inni qabatamaan galmaa’uu dubbataniiru.

Bara baajata xumurame sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuu fi daldala alaa guddisuun danda’ameera jedhan.

fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra oolchuun dameen dhuunfaa
diinagdeerratti akka hirmaatu taasisuu, Ashaaraa Magariisaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaan hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru.

Hidha Guddicha Haaroomsaa ilaalchisee dhiibbaa Mootummoota Gamtoomaniin gahaa ture qolachuun danda’amuu eeruun, yaaliin Hidhichi akka hin xumuramneef taasifamaa ture fashalaa’uu hubachiisaniiru.

Ogummaa fi tooftaa mootummaa akkasumas qindoomina ummataan hidhichi ijaarame xumuramuun seenaan hojjetameera jedhan.

Dooktar Laggasaa Tulluun waggoottan darban guyyoonni Qaammee qophiilee garaagaraan kabajamaa akka turan yaadachiisuun bara 2017 kanas moggaasaafi qophiilee garaagaraan guutuu biyyattiitti kan kabajaman ta'uu ibsaniiru.

Guyyoonni kunneen hanqinoota waggicha keessa turan gamaaggamuufi hojiilee waggaa itti aanu keessa hojjetamu kan itti karoorsan ta'uu himuum, guyyoota Qaammee bara 2017’f moggaasniifi mata dureen garaagaraa kennamuu himaniiru.

Haaluma kanaan:

Qaammee 1 Guyyaa Cichoominaa
Qaammee 2 Guyyaa Waloomaa
Qaammee 3 Guyyaa Oomishtummaa
Qaammee 4 Guyyaa Olka'iinsaa
Qaammee 5 Guyyaa Egeree jedhamee sirnoota garaagaraan akka kabajamu qophaa’uu himaniiru. BKO

29/08/2025
29/08/2025
29/08/2025
29/08/2025

Address

Grawe
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Godina Harargee Bahaa Bulchiinsa Ganda Cirracha 03 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category