14/06/2026
Saa’iban koo jaalatamoo,
Isin hundi jireenya koo keessatti bakka guddaa qabdu.
Tokkummaan keenya humna keenya, jaalalli keenya immoo gammachuu keenya.
Yeroo waliin dabarsinu hundi yaadannoo hin dagatamne ta’a.
Yeroo rakkinaa fi gammachuu keessatti wal bira dhaabbachuun keenya, michummaa keenya dhugaa taasisa.
Isin waliin ta’uun koo anaaf kabaja guddaa dha; sababni isaa, isin naaf maatii fakkaattu.
Addaan fagaannus, wal yaadachuun keenya hin badu.
Jaalalli fi kabajni keenya yeroo hunda ni jiraata. Tokkummaan keenya haa jabaatu, michummaan keenya haa dheeraatu.
Isin hunda nan jaalladha, saa’iban koo