29/09/2025
Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa; Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun Dokumantii Wixinee Qorannoo Invastimantii Naannichaa Babal'isuu, si'eessuu fi Bu'a qabeessa taasisuuf qophaa'ee dhiyaate irratti mari'atee jira.
===========================
BIIO Fulbaana 19, 2018- Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa;Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun Dokumantii Wixinee Qorannoo Invastimantii Naannichaa Babal'isuu, si'eessuu fi Bu'a qabeessa taasisuuf Wixinee Dokumantii ka'umsa Qorannoo Invastimantii Carraa fi Poteenshaalaa Naannoon Oromiyaa Invastimantiif qabu karaa Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa tiin qophaa'ee dhiyaatee irratti marii'achuun kallattii hojii itti aanu kaa'ee jira.
Mariin kunis bakka Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis dabalatee Itti Aanaa Pirezedaantii Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr Kokkob Dammaqaa, Garee BIIO fi Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa irraa argamanitti gaggeeffamee jira.
Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis akka jedhanitti kaayyoon qophii Dokumantii qorannoo kanaas Carraa fi Poteenshaala Naannichi Invastimantiif qabu beeksisuun Piroomooshinii cimaa gaggeessuuf, Invastimantii fi Industirii Naannichaa si'eessuuf, babal'isuuf,Bu'a qabeessa taasisuuf, Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessisuuf, Ce'umsa Teekinooloojii babal'isuuf, Guddina Diinagdee ariifachiisuuf fi Carraa hojii bal'inaan uumuufi jedhan.
Dhuma irrattis kallattiin hojii itti aanu karaa Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriisiin kaa'aamee jira.