Ifaa jiruu

Ifaa jiruu offial oromic page (Muslim scholar)

03/07/2022

Jireenyi baay'e qaala'u irraa kan ka'e

OBN mataan isaa sirba nu afeeru dhiise 😆 🤣 😂

02/07/2022

Mee arra gaaffi isin gaafadhu arra

30/06/2022
22/04/2022

Anaafi atiis warra leelyatul qadrii qunnamee irraa milkaa'u rabbiin nu haa godhu

21/04/2022

Leeylatul Qadrii

Share Godhuun Wal Barsiisaa!!

➡️ Leeylatul Qadrii jechuun halkan sadarkaa, Halkan Murtii jechuudha.

➡️ Leeylatul Qadrii halkan hundaa caalti.

➡️ Rabbiin Isii keeysa Qur’aana buuse,

➡️ Isiin Halkan Barkaa qabdu,

➡️ Ibaadaan Halkan sanii Ibaadaa baatii 1000 caalti,

➡️ Isii keessa Amriin Rabbii hundi gargar bahee murteeyfama.

Suraa Dukhaan Aayaata 1-6 keessatti Rabbiin akka Isii keeysa Murtiin godhamtu dubbatee jira.

Suuraa Al-Qadr 1-5 keessatti Rabbiin Isii Keessa akka Qur’aana buusee fii akka halkan takkittiin Leeylatul Qadrii Baatii 1000 caaltu dubbatee jira.

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan Namni Halkan Leeylatul Qadrii Iimaanaa fii Rabbirratti herregachaa dhaabbate Cubbuun Isaa tan dabarte Isaa dhiifamti. Bukhaarii fi Muslim

Halkan Leeylatul Qadrii Qur’aana qara’uun, Salaatuun dhaabbachuun, Zikrii fii Du'aa'iin dabarsuutu dhaabbachuu je’ama.

Rabbiin nuuf hedduu Rifatee halkan takka tan Ibaadaan Isii baatii 1000 caaltu Leeylatul Qadrii nuuf godhe.

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan Ramadaana keessa kudhanan boodaa keessa barbaadaa akkasumas Isiin halkan irruu/qarii keessatti
taatuudha 21, 23, 25, 27, 29, jechuu Ibsee jira.

Halkan Leeylatul Qadrii kudhanan booda keessa jijjiramaa guyyaa 21, 23, 25, 27, 29 amatarraa dhufti.

Namni Isii qunnamuu barbaade kudhanan boodaa Ibaadatti jabaachuu qaba.

Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Kudhanan booda Ibaadatti hedduu jajjabaata.

Aa'ishaan Rabbii irraa haa jaalatu akki jette Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ Ramadaana keessa kudhanan boodaa hanga duraa caalaa Ibaadatti jajjabaata.

Kudhanan boodaa hoggaa seene halkan hin rafu, Maatii Isaa hirribarraa ni dammeeysa, Marxoo Isaa Jajjabeeyfata (Ibaadaaf). Bukhaarii fii Muslim.

Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad ﷺ jala deemuun barbaachisaadha.

Sahaabaa fii warri Isaan boodaa hundi kudhanan boodaa akkaan guddisan, Isii keessatti daran Ibaadaaf jajjabaatan.

Aa'ishaan Rabbii irraa haa jaalatu Yaa Rasuula Rabbii! Halkan Leeylatul Qadrii Maaliin je’a? jechuun gaafattee Rasuulli ﷺ
ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺇﻧﻚ ﻋﻔﻮ ﺗﺤﺐ ﺍﻟﻌﻔﻮ ﻓﺎﻋﻒ ﻋﻨﻲ "

"Allaahumma Innaka Afuwwun Tuhibul Afaw FaAfu Anii” je'i je’een.

Hikkaan Isaa "Yaa Allaah Ati irraa namaaf dabraadha, irra namaaf dabruu ykn Badii namaaf dhiisuu ni jaalatta, Dhiifama naaf godhi ykn Irra Naaf dabri" jechuudha.

YAADACHIISA!

Halkan Leeylatul Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan Mullatuu miti.

Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gad buuti garuu waan Ilmi namaa Samii keessa ol laalee arguu miti.

Wanni Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha.

Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii, Du'aa'ii, itti jabaachuudha.

Namni tokko halkan Leeylatul qadrii beekee fii dhiisee miti dubbiin Ibaadaatu barbaadama.

Namni Halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, Du'aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii Isaa tan dabarte Isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii Isaaf ni galmeeysa.

Yaa Rabbii! Yaa Allaah! Atii Badii Namaaf Dhiisaadha.

Badii Namaaf Dhiisuu Ni Jaalatta.

Badii Teenya Nuuf Dhiisi.

Yaa Rabbii! Yaa Allaah! Halkan Leeylatul Qadrii warra Iimaanaan sirratti herregachaa dhaabbatee milkaawurra nu godhi.

18/04/2022

Yaada fi muraada kee rabbi siif haa guutu

17/04/2022

AS WR WB

OBBOLEEYAN KIYYA KAN MUSLIMAA HUNDI KEESSANUU ARRA NABIYYI KEENYA JAALATAMA IRRATTI SALAWAATA BUUSNE? YOO HIN BUUSIN AMMA HAA BUUFNU

S.A.W

16/04/2022

Nabiyyi keenya Jaalatama irratti salawaata haa buusnu

(S.a.w)

08/04/2022

Nabiyyi keenya irraati salawaata haa buufnu

(S.a.w)

Address

Aweday

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ifaa jiruu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ifaa jiruu:

Share