15/01/2024
Jechoota HARARGEE keessatti dubbataman !
==================
◇ Xulluph ~~ utaaluu, tasa utaaluu
◇ Xuluq ~~ ~fixuu
◇ Manyaq ~~ jajallachuu
◇ Huxuph ~~ callisuu
◇ Qacam ~~~qabuu
◇ Haf ~~~~~butuu, tasa nama harkaa butuu
◇ kudhuph ~~utaaluu
◇ Kidhiph ~~~irraan utaaluu
◇ Xarraq ~~~~baqaqsuu
◇ Haffaq ~~~~fottoqsuu
◇ Kombol ~~~ jiguu
◇ Riq ~~~~~~itti bu'uu
◇ Mulluq/Murruq~~fixuu
◇ Diph ~~~~~~lafaan dha'uu, dha'uu
◇ Dhuffuq ~~~~humnaan diruu, (waraanuu), baayyisanii fudhachuu ykn kennuu
◇ Bashaq ~~~~ cabsuu
◇ Shishim ~~~~dhaamsuu
◇ Cunqur ~~~~~muguu
▪︎ Qurxum ~ ~~~~ muruu
▪︎ Fallaq ~~ banuu (dhoosuu)
▪︎ F*x ~~ muddamaan ba'uu, tasa argamuu
▪︎ Baxxaq ~~ kufanii lafa ga'uu (hudduun)
▪︎ Halaw ~~ tasa seenuu/ba'uu
▪︎ Billic ~~ Ibsanii dhaamsuu
▪︎ Liph ~~ tasa dhaamsuu (Ibsaa ykn Ifaaf)
▪︎ Qasham ~~ cabsuu (mukaaf)
▪︎ Hi'ii ~ ~ diduu
▪︎ Xaph ~~ fixuu (nyaata/hojii)
▪︎ Gardam ~~ jirtuu (dheedhii) nyaachuu
▪︎ Khalaw ~~ gaggabuu
▪︎ Bushuq ~~ boo'uu, imimmaan ija guutuu
▪︎ Bashaq ~~ caphuu
▪︎ Shaf ~~ Muruu
▪︎ Kishif (Shikif) ~~ boqochuu
▪︎ Xuph ~~ Guutuu (Afaan gubbatti guutuu)
▪︎ Bat ~~ Dha'icha xiqqoo (Rukuttaa xiqqoo)
▪︎ wax ~~ halangeen dha'uu
▪︎ Funnuq ~~ loluu (finciluu)
▪︎ Fash ~~ Facaasuu (Bishaan, Midhaan, biyyee)
▪︎ Qaxaph ~~ Yaadachuu
▪︎ Kataf ~~ tasa namatti (walitti) dhufuu
▪︎ Taraf ~~ hatattamaan lafaa ka'uu
▪︎ Baxalaq ~~ kuffisanii lafaan ga'uu
▪︎ Cabalaq ~~ Guutuu ykn guutamee argamuu ( Haroo ykn bishaan, Nama)
▪︎ Shalab ~~ Laaffisanii hidhuu
▪︎ Bukh ~~ Aara (dhukkee)
▪︎ Jambar ~~ Dabooluu, of gatuu
▪︎ Qarraf ~~ Hooquu
▪︎ Cillim ~~ Dukkanaa'uu
▪︎ Baccaq ~~ Laaqqachuu
▪︎ Laqac (Conqol) ~~ qaamni lallaaffachuu (hirribaan, dhukkubaan)
● Shifshif ~~ Titiifuu (roobaaf)
● Lakham ~~ Boonaa adeemuu ( Kooruu)
● Ququm ~~ akaawwii nyaachuu, nyaatanii fixuu
● Shir ~~ naanneessuu
● Wir ~~ Sochoosuu
👉 Qalawu ~~ rukutuu (meeshaadhaaf)
👉 Qax ~~ jiilchuu, tasa dhaabbachuu, dhaabuu
● Khar ~~ hirriiba keessa sagalee dhageessisuu
● Cir ~~ daa'imni haalaam boo'uu, dukkana hammaataa,