Obsa Girma Badhasa

Obsa Girma Badhasa 《Iam positive thinker, believe in equality of human being and also Iam Economicst , Banker.》

13/01/2026

゚ ゚2025

📱 1. Yeroo bilbila/nama waliin haasoynu warri   nu dhagahuu ni dandahanii?Bilbila dhuunfaa kee keessa bilbilaan nama wal...
04/01/2026

📱 1. Yeroo bilbila/nama waliin haasoynu warri nu dhagahuu ni dandahanii?

Bilbila dhuunfaa kee keessa bilbilaan nama waliin haasoynuun kallattii bilbilaa (call content) haasawaa akka Ethio Telecom ofiin hin dhagayamu/hin galmeessine seera dhuunfaa fi eegumsa (privacy) irratti bu’uureffame irratti jedhamee eegama.

Haa ta’u malee jiʼoota darbanitti biyya Itiyoophiyaa seera haaraa ittiin ofeeggannoon data dhuunfaa fi tajaajila bilbila dhuunfaa eeguuf labsameera (Personal Data Protection Proclamation) kan gara sirna seera eegumsa data addunyaa fakkaatuutti deemuuf hojjetamaa jiru.

---

🔎 2. Bilbila keenya qabsiisuun/record gochuun ni danda’amaa?

Seeronni Itiyoophiyaa akkaataa illeeqqaa (interception) fi to’annoo jalatti bilbila illeeqqeessuu danda’amuuf qajeelfama qaba. Yeroo tokko tokko waajjiroota nageenyaa ykn poolisii ykn IMSA-NISS akka seeraan dura murtii mana murtii ykn hayyama qabeessa argatanii fi seera tumame wajjin jiruu gaggeessan ni danda’u jedhamee kan ibsame jira.

Seeraalee akka Telecom Fraud Offence Proclamation jalatti bilbila fi data bilbila tokko to’annoo malee seeraan alatti qabsiisuu, galmeessuu ykn dhoksaan ilaalu gochuun yakka taʼuu isaa ibsa.

Kan jechuun Ethio Telecom ofii ishee dhuunfaa bilbila nama kamiyyuu hin dhagayu; garuu hayyama seeraa ykn barbaachisummaa nageenya uummataa fi seera qabeessa ta’e yoo jiraate, hayyama sadarkaa seeraa argatee poolisiin ykn qondaaltonni nageenyaa access gochuu danda’u.

---

⏱ 3. Daqiiqaa meeqa bilbila waliin haasofnuu galmeessuu ykn ilaaluu danda’anii?

Ethio Telecom bilbiloota hundaa gara system galmee guutuu (recording) tursiisuu hin qabu jechuun eegama.

Haa ta’u malee, seerota duraan tureetti data bilbila (metadata — lakk. bilbila nama wajjin bilbile, yeroo, sa’a, yeroo turuu) fi seenaan bilbila tokko tokko akka waggaa tokko tursiisuun barbaachisaa ta’u danda’a jedhu yaada jiru.

Debit And Credit In Bank system🥰‎Maallaqni yeroo siif galu, baankiin jecha “Credited” jedhu fayyadama.‎‎Yeroo maallaqa i...
24/12/2025

Debit And Credit In Bank system🥰
‎Maallaqni yeroo siif galu, baankiin jecha “Credited” jedhu fayyadama.

‎Yeroo maallaqa irraa baastu immoo, “Debited” jedha.

‎Sababa kanaan namni baay’ee:

‎ jechuun akka waan 'dabaluu' ta’etti,

‎ jechuun immoo akka waan 'hir’achuu' ta’etti yaada.
‎‎Ofcourse, anis akkasitti yaada ture.
‎garuu miti.

Accounting keessatti:

Credit jechuun dabaluu jechuu miti; hir’achuu jechuu illee miti.

#‎Debit yoo ta’es akkasuma — yeroo tokko dabaluu ta'a, yeroo biraa hir’achuu ta’a.

‎Wanti murteessu gosa transaction raawwatamee sani.

‎Fakkeenyaaf:

‎Qabeenyi (Asset) fi Baasiin (Expenses) yoo dabale => Debit ta’a.
‎Asitti Debit akka dabaluutti ilaaluu dandeenya.

‎Faallaa kanaa odoo immoo Asset fi Expense hir’atee => Credit ta’a.

‎Asitti immoo Credit jechuun hir’achuu ta'e.

Yaadikaa. ‎Garuu,

‎Idaa (Liability) fi Galii (Revenue) yoo dabale => Credit ta'a.

‎Jarri kun (liability, revenue fi equity) odoo hir’atanii immoo shakkii tokko malee => Debit ta’a.


‎Kanarraa akka hubannutti:

‎Credit jechuun “dabaluu” jechuu miti — yeroo hir’achuu ta’us qaba.

‎Debit jechuunis “hir’achuu” jechuu miti — yeroo dabaluu ta’us qaba.

La.

‎Walxaxaa wayii fakkaata, garuu salphaadha.
‎Kan sitti cimeef, shamaddaduuf yaalaa jirta. No. Concept isaa qabadhu.

‎Akkasi.

‎Transaction raawwatame:
‎– Asset fi Expense yoo dabale => Debit

‎– Liability, Revenue, fi Equity yoo dabale => Credit.

‎Fakkeenya isaa comment jala isiniif kaa’a.


‎GARA QABXII BAANKIITTI HAA DEEBINU:

‎Baankiin yeroo maallaqni nuuf galu, “Credited” jedhee nu beeksisa.

‎Dhuguma, maallaqni nuuf dabaleera.

‎Garuu baankiin kan haasa’aa jiru waa’ee dabaluu maallaqa keetii miti.

‎Baankiin "your account is credited" jechuun isaa:

‎“Kabajamoo maamila keenya, idaan kee nurratti dabaleera.” jechuu isaati.

Jechuun ‎idaan kee nurraa jira jechuu isaati.

‎Fakkeenyaaf, qarshii 2000 baankiitti galchite yoo ta’e, baankiin akka idaatti (liability) ilaala.

‎Idaan yoo dabale = Credit ta'a. Mitiree?

‎Gaafa irraa baastu immoo = Debited jedha

Yeroo kana, "your account is debited" jedhu.
Idaan kee nurraa hir'ateera jechuu isaaniti.
Idaan yoo hir'ate "Debit" ta'a. BY MAKAA

Akka nama osoo taane akka kee fi waan ofi kee qabdun bashannank🥰
24/12/2025

Akka nama osoo taane akka kee fi waan ofi kee qabdun bashannank🥰

27/10/2025

Solvency vs. Liquidity | Finance keessatti | Garaagarummaa Isaanii

Lamaanuu agarsiistuu haala maallaqaa (financial position) dhaabbatichaati.

Jechuun: "Dhaabbatichi baasii isaa ofirraa kaffaluu ni danda'aa?" gaaffii jedhuuf deebii kennu.

Garuu garaagarummaa qabu:

– Liquidity: Haala maallaqaa yeroo gabaabaa ibsa (short-term)

– Solvency: Haala maallaqaa yeroo dheeraa agarsiisa (long-term)

Bal'inaan yoo ilaallu:

Liquidity jechuun, dandeettii dhaabbatichi baasii isaa yeroo gabaabaa, kan waggaa tokko keessatti kaffalamu qabu (current liabilities) – yeroo isaatti kaffaluu ni danda'a moo hin danda'u waan jedhu safara.

Jechuun:
– Dhaabbatichi maallaqa baankii keessaa qabaa? yookaan
– Qabeenyi (inventory) isaa salphatti gara maallaqaatti jijjiiramuu ni danda’aa? yookaan
– Maallaqa argamuu qabu (accounts receivable) salphatti argachuu ni danda’aa?

Yoo deebiin isaa: “eeyyee” ta’e: Liquidity gaariidha (high liquidity) jedhama.

Yoo deebiin isaa “miti” ta’e immoo: Liquidity isaa gadaanaa (low liquidity) jedhama.

Baasii yeroo gabaabaa kan jedhaman:
– Mindaa hojjettootaa (Salaries Expenses)
– Kiraa manaa (Rent Expenses)
– Liqii yeroo gabaabaa (Short Term Loan)
– Ibsaa, bishaanii fi kkf.
…kannneen ofirraa kaffalachuu ni danda'a moo hin danda'u...waan jedhu kan safaru jedhama.

Gaafa waa'ee haasofnu immoo:
Solvency jechuun, dandeettii dhaabbatichi baasii yeroo dheeraa, kan waggaa tokkoo booda kaffalamu ofirraa kaffaluu danda'a moo danda'u gaaffii jedhu kan ittiin ilaallu.

Kana jechuun:
– Qabeenyi dhaabbatichaa baasii isaa ni caalaa?
– Liqii yeroo dheeraaf turu ofirraa kaffaluu ni danda’aa?
– Waggoota dhufan keessa hojii isaa itti fufsiisuu ni danda’aa?
…kanneeniif deebii kenna.

Baasii yeroo dheeraa jechuun:
– Liqii waggaa tokkoo oliif fudhatame (Long-term loan)
– Kiraa yeroo dheeraa (Lease agreement)
– Kafaltii baankii yeroo dheeraa
– Bonds fi kkf.

Solvency kan ittiin ilaallu:
– Qabeenya waliigalaa (Total Assets) fi
– Baasii waliigalaa (Total Liabilities)

erga adda baasne booda,

– Madaala liqii fi qooda abbaa dhaabbatichaa (Debt-to-Equity Ratio) shallagnee ilaalla.

Walumaagalatti:
Dhaabbanni tokko liquidity gaarii yoo qabaate, maallaqa yeroo gabaabaa keessatti kaffalamu qabu salphatti kaffaluu danda’a.

Garuu yoo idaa yeroo dheeraa baay’ee yoo qabaate, solvent miti jedhamuu danda'a.

Jechuun: yoo Total Assets > Equity ta'e.

Fakkeenyaaf:
Dhaabbanni tokko solvency gaarii qabaachuu danda’a. Qabeenyi isaa baasii isaa caala. Total Assets > Liabilities

Garuu yoo qabeenyi isaa gara maallaqaatti salphatti yoo hin jijjiiramne, liquidity gaarii hin qabu jedhama.

Kana jechuun:

Liquidity fi Solvency addatti ilaalamuu qabu, garuu waliinis madaalamuun murteessaadha.

Sababni isaas, dhaabbatichi baasii yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa guutummaatti baasuu danda’uu qaba. Kuni bu’uura hojii itti fufinsa qabaachuu mirkaneessa.

Galatoomaa!

Harra Gama Obsa Girma Jedhu kanaan Hiriyoota Kuma kudhan horachuu dandaaheetiin jira. Galatooma💥☘️💥
26/10/2025

Harra Gama Obsa Girma Jedhu kanaan Hiriyoota Kuma kudhan horachuu dandaaheetiin jira. Galatooma💥☘️💥

01/08/2025

Try it😉

Ethiopian, California 😎
24/07/2025

Ethiopian, California 😎

‎Jechoota Ijoo 5 Accounting Keessatti | Afaan Oromoo‎‎Accounting keessatti jechoota ijoo shanan (5) kun bu'uura. Namni d...
16/07/2025

‎Jechoota Ijoo 5 Accounting Keessatti | Afaan Oromoo

‎Accounting keessatti jechoota ijoo shanan (5) kun bu'uura. Namni dhaabbata hoogganu ykn accountant kamiyyuu hojii isaa, galii isaa fi baasii isaa sirnaan too'achuuf jechoota kanneen sirriitti hubachuu qaba.

‎Qabxilee kanarratti hubannoo keessan cimsuuf fakkeenya salphaan haa ilaallu:

‎mee na duukaa bu’i! 😉

‎1. Asset | Qabeenya

#‎Asset jechuun qabeenya dhaabbatichi too’achuu danda’u, kan gara fuulduraatti bu’aa argamsiisuu danda’u jechuudha.

‎Fakkeenya:

‎ - Maallaqa baankii jiru

‎ - Maashinii hojii

‎ - Konkolaataa hojii

‎qabeenyi kuni hojii dhaabbatichaa tumsuun galii fiduuf tajaajila. Kuni jedhama.

‎2. Liabilities | Dirqamoota Kaffalamu Qabu

‎Liabilities jechuun maallaqa (idaa) dhaabbatichi kaffaluu qabu jechuudha (gara fuulduraatti)

‎ :

‎ - Liqaa baankii irraa fudhatame

‎ - Qarshii meeshaaleen ittiin bitame kan hin kaffalamne fi kaffalamu qabu

‎- Gibira mootummaa

‎Faranjiin, Liabilities jechuun "claim of outsiders" jettee ibsiti.

‎3. Owner’s Equity | Qooda Abbaa Qabeenyaa

‎Owner’s Equity jechuun qabeenya dhaabbatichaa (assets) irraa dirqamoonnj erga kaafamanii booda kan hafeedha.

‎Fakkeenya:

‎- Gumaacha abbaa qabeenyaa (Capital)

‎- Bu’aa tursiifamee (Retained Earnings) yookan bu'aa abbaa qabeenyaatiif hin kaffalamne

fa'a jechuudha.

‎ bu’uuraa:

‎Qabeenya = Dirqamoota + Qooda Abbaa Qabeenyaa

‎Afaan faranjiitin akkasitti barreeffama:

‎Assets = Liabilities - Owner's Equity

‎Fakkeenya: Yoo qabeenyi waliigalaa qarshii 100,000 ta’e, liabilities 30,000 ta’ee, kan hafe 70,000 kan abbaa qabeenyaati.

‎4. Expenses | Baasii

‎Expenses jechuun baasii hojii geggeessuuf al tokkoof baafamu jechuudha.

‎ :

‎ - Mindaa hojjettootaa

‎- Kiraa manaa

‎- Ibsaa fi geejjiba

‎kunneen baasii bu’aa yeroo ammaa tumsuuf oola malee gara fuulduraatti bu’aa hin fidu — kuni jedhama.

‎5. Revenue | Galii

‎Revenue jechuun galii dhaabbatichi hojii isaa irraa argatu jechuudha.

‎Fakkeenya:

‎- Gurgurtaa bunaa, (yoo dhaabbatichi daldala bunaa irratti kan bobba'e ta'e)

‎- Tajaajila suphaa konkolaataa, (yoo dhaabbatichi tajaajila garaajii irratti kan hojjetu ta'e)

‎jechuun fakkeenyaaf: Yoo dhaabbatichi buna gurguree qarshii 500,000 argete, kuni dha.

‎Trial Balance Keessatti:

‎Trial Balance jechuun gabaasni akka wal madaaluuf fi galmee herreegaa keessatti fayyadamuudha.

‎Ija kanaan yoo ilaalle:

‎ Assets fi Expenses debit jalatti galma’u.

‎ Liabilities, Owner’s Equity fi Revenue immoo credit jalatti galma’u.

‎Fakkeenya:

‎ Qabeenya (Cash) debit 100,000

‎ Liabilities (Accounts Payable) credit 30,000

‎ Owner’s Equity credit 70,000

‎👉 Debit = Credit ta’uu qaba. Yoo wal hin madaalle, dogoggorri jira jechuudha.

Maaltu haferee? Dhumeem bar😃


Maka irraa💥

01/07/2025

17/06/2025

Yeroo usteetuma Du'aayi Amiin amiin jettu😎

06/06/2025

Bara akķami? Mee siritti dhageeyfadhu😎

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsa Girma Badhasa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Obsa Girma Badhasa:

Share