02/10/2023
Haleellaan gareen Alshabaab qaqqabsiisuuf ture fashalaa’e
Finfinnee, Fulbaanaa 21/1/2016 Haleellaan gareen Alshabaab qaqqabsiisuuf ture Raayyaa Ittisaan fashalaa’uu ibsameera.
Garichi naannoo Somaalee aanaa Dolloo Addootti haleellaan ummataarratti qaqqabsiisuuf ture fashalaa’uu ibsameera.
Badanii balleessitoonni Keemikaala boba’aa jarikaan 6 fi rasaasa Bireenii kuma 3 qabachuun wayita haleellaa raawwachuuf socho’aa turan miseensota Raayyaa Ittisaa dirqamarra jiranii fi qaamolee nageenyaa aanichaan to’atamuu ibsameera.
Gareen kun irra deddeebiin yaalii haleellaa taasiisuus qindoomina Raayyaa Ittisaa, qaamolee nageenyaa fi ummaatan fashalaa'uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.