18/03/2022
Osoon an siif jiruu
Maaliif sitti qorraa
Anatoo siif jiraa
Dhufteen raftuu narraa
Harka koo boraafattee
Sirritti na hammattee
Silaa qorri sin tuquu
Hirriba nagaa raftee
Jireenya kophaa dhiisii
Kottuu na waliin ciisii
Yoo guyyaa sittin tollee
Halkan kottu qaxxisii
Maal abbaashee yaaddoftaa
Kophaa! kophaa! koo jettee
Na waliin dhufteen raftuu
Harka natti marattee
Yaadaan ofin fixinii
Anis akkuma keetii
Sirriittin si barbaadee
Ciisa kophaa jibbeetii
Maaliif namaan mar'iattaa
Yaada kee situ beekaa
Namni hammaa namaan toluu
Walirraa nama eegaa
Mataa of dhukkubsitee
Yaaddoon maa of qaaqiltaa
Osoon ani siif jiruu
Mee akkam kophaa bultaa
Yeroo na waliin raftuu
Hin muusoftuu hin mugduu
Waan araada kee ta'ee
Yoo suusoftes hin dhabduu
Qaamni kee si lallaafee
Kan ergasii dadhabuu
Natu soorata laataaf
Dawaasaa kanin qabuu
Isa na yaadaa turtee
Yaadannoo erga yoomii
Guntuta keen ichimaa
Buruksee akka loomii
Isan osoon si hawwuu
Si argadhe waggaattii
Hidhii kankee nan hodhaa
Akka muca sawwaattii
Gaafan siyaadaa turee
Dugdaanin lafa ciisaa
Har'a sooressummaa koo
Laphee kee gubbaan ciisaa
Gaafan kophaa koo buluu
Wayaan qaldiin nan gahuu
Har'a yoo qullaa bulles
Kunoo qorri nun dhahuu
Sillee bagan hambisin
Waaqni kankee kophaatti
Natti marattee raftaa
Kunoo akka bofaattii
Baguma na argattee
Silaa kan kophaa teessuu
Kee guyyaan gammachuudhaa
Yeroo galgalli geessuu
Anis bagan kee ta'ee
Osuman si gunja'uu
Akka nan miine beeki
Miidhamnaan lafaan ka'uu