07/09/2026
Murtii MMWFDHIJ hin maxxanfamne galmee lakk. 224821 ta’e irratti dhaddacha gaafa 03/02/2015 ooleen aangoo bakka bu’ummaa cheekii irratti mallatteessuu ilaachisee kenname
Murtii kanaan ijoowwan dubbii ilaalaman :- -bakka bu’ummaa kenname keessatti “ … maqaa kiyyaan herrega baankii- lakkoofsa herregaa gosa kamiiyyuu banuufi sochoosuu akkasumas baasuufi galchuu danda’a” jedhamee kan ibsame bakka bu’ummaa addaa kennuu kan gaafutadha moo miti? Bakka bu’ummaan kun aangoo cheekii irratti mallatteessuu ni kenna moo miti? Kanneen jedhanidha. ======================================================================
Haaluma kanaan ijoo 1ffaa ilaalchisee xiinxala taasifameen –bu’uura SD(kan duraa) kewwata 827(e) tiin cheekii tokko irra mallattoon nama cheekii baasuu jiraachuu qaba. Akkasumas SD keewwata 717(2) jalatti akkuma ibsametti, cheekiin nama aangoo hin qabneen kan mallatteeffame waan ta’eef kafaluuf hin danda’u ittisni jedhu dhiyaachuu akka danda’u tumamaus, namni cheekii irratti malleetteessuu qabu nama aangoon bakka bu’ummaa addaa kennameef qofa kan jedhu SD keessatti ifaan hin tumamne. Seerri Daldalaa gama kanaan kan callise waan ta’eef, SHH dhimma bakka bu’ummaa irratti tumaman ilaaluun barbaachisa…Kanaaf cheekiin gosoota Waraqaa Daldalaa(commercial instruments) keessaa tokko waan ta’eef SHH keewwata 2205(2) jalatti akka waraqaa daldalaatti fudhatamee bakka bu’ummaa addaa kennuu kan gaafatudha.================================================================================================
Ijoo 2ffaa ilaalchisee, bakka bu’ummaa armaan olitti ibsame keesatti, bu'uura " lakkoofsa herregaa gosa kamiiyyuu banuu danda’a" jedhamee kennameetiin bakka bu’aan lakkoofsa herregaa cheekiin socho’u banuu danda’a. Bu’uura Qajeelfama Baankii Biyyoolessaa lakk. SBB/63/216 keewwata 2.3 tiin lakkoofsa herregaa cheekii sochoosuun kan dada’amu ammoo cheekii baasuunidha. Cheekii baasuun ammoo cheekii irratti mallatteessuu kan gaafatu waan ta’eef, cheekii irratti mallatteessuun hojii bakka bu’ummaa addaa lakkoofsa herregaa banuu fi sochoosuu kenname hordofu waan ta’eef bu’uura SHH keewwata 2206(1) tiin bakka bu’ummaan kenname hojii aangoo cheekii irratti mallatteessuu kan kennedhaa. Mulugeta F.Binegde JOIN
Channel is created by Nedi Abdela Mume to make access of legal concepts to societies freely.