15/12/2023
Miilli Bakar Waarees..........
Waan dhaammatan qabu gootowwan kaleessaa
Kan haqamuu hin qabne sammuu keenya keessaa
Gootowwan kaleessaa warri biyyaaf dhabne
Kan saba ofiif kennaan kennaa deebii hin qabne.
Warri biyyaaf jedhee ofii biyyoo ta'e
Warri wareegamee qabsoo asiin ga'e
Warri qabsoon haqaa isaaniin daraare
Warri lafeen saanii sabboonummaa Ijaare.
Seenaa awwaalame warri boollaa baasan
Aadaa tuffatame warri lafaa kaasan
Tokko, lamaa miti hunda waamnee hin fixnu
Kan Caalii Calanqoo fakkeenyaaf haa kaafnu.
Gargaarsa biyya hambaan mogolee jabaatee
Guyyaa gaaf Miniilik Calanqoo qubatee,
Meeshaa waraanaatiin mudhii hidhatanii
Qawwee fi Sinnaaraan daran leenji'anii
Oromummaa dhoksuuf, saroonni Minilik yeroo qopha'anii.
Warri onnee malee meeshaa harkaa hin qabne
Warri waaqa malee gargaarsa hin abdanne
Waraana Miniliik fagootti ilaalanii
Harka qullaa deemuuf daran sodaatani.
Yeroo kana ture Gootni Bakar Waaree
inni yeroo mara diinaaf hin Wareerree,
"Maqaan baduu mannaa lubbuun ba'uu wayya yoo nuti falmanne qabsoon saba Oromoo dhalootatti caaya"
Jedhee dhaadachuu dhaan uummata kakaasee
Warra abdii kute qabsootti dachaase.
Hunduu ni jabaate mala wal gaafate
Maqaa waraana isaas "Murtii Guutoo" jedhee itti moggaafate.
Gadaa Wadaay Galmoo onneen ni dhiitofte
Amiin Abdullaahii fardaan lafa kute.
Gootni Ahmed Mucee gaachana qabatee
"Hin Gabbarru" jechuun waraana habashaaf dhaamsa dabarfate.
Caalii Calanqoorra lolaaf kan dhaabbate
Waraanni Miniilik onneen bishaan taate.
Yeroo leenci Oromoo meeshaa tokko malee
Oromummaa tursuuf qabsoof toora galee,
Waraanni Miniilik guyyaan itti dhiitee
Luubbuu saa baafachuuf boodatti baqate.
Isaaqoo Argobbaa fardaan duukaa bu'e
Amadee Waleenboo boodaan faana ka'e.
Waraanni Miniilik Calanqoo ba'anii
Maayilii muraasaaf erga baqatanii
Guyyoota xiqqoo dhaaf holqa dhokotanii
Aadde Xaayituutti dhaamsa dhaammatani.
Waraanni kan biroon hedduun ajajamee
Caalii Calanqootti kallattiin marfamee
Lammii Oromootti duulli gaggeeffame.
Diinni kumaatamaan lammiitti bobba'e
Dhiigni saba Oromoo dacheerra Lola'e.
"Harka Hin Laannu" jechuun inni dhaamsa dhaame
Kadir Adam Quusaa fayyaatti awwaalame.
Lafeen saba Oromoo wal irra tuulamtee
Dirree Calanqootti abiddaan bobaate
Dacheen ni gaddite samiin ol fagaatte.
Kan qabsoof bobba'e hedduun wareegamee
Kaanis habashootaan jiraatti qabamee
Bakar Waaree qofti qofaatti aggaamame.
Fardi Bakar Waaree kana hunda ilaalee
Bakar Waaree baasuuf fiigacha eegale.
Waraanni Miniilik farda duukaa buute
Fardi Bakar Waarees lubbuu Bakar Waareef wabii ta'uu feete.
Bosonaaf lageewwan hunda qaxxaamurtee
Dhukaasa habashootaa hunda dandamattee
Lubbuu Bakar Waaree diina harkaa kan baafte
Fardi Bakar Waaree bowwaa keessa buute
Miilli Bakar Waarees achi buutee taate!!!