๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐›๐ž๐ž.

  • Home
  • Kuwait
  • Hawalli
  • ๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐›๐ž๐ž.

๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐›๐ž๐ž. Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐›๐ž๐ž., Hawalli.

19/11/2024
14/09/2024

Nuuralhudaa Radio is a non-profit media organization dedicated to delivering insightful and inspiring weekly programs. Run by a passionate team of volunteers, we strive to provide valuable content tha

182: waqtiin salaata ishaa'ii eessarra jalqabee eessatti dhumata?Deebisaa: Salaanni Ishaaโ€™ii eegaa Magriibni dabre irraa...
26/05/2024

182: waqtiin salaata ishaa'ii eessarra jalqabee eessatti dhumata?

Deebisaa: Salaanni Ishaaโ€™ii eegaa Magriibni dabre irraa haga halakan saaโ€™aa 6:00 qofa. Salaanni ishaaโ€™i saaโ€™aa 6:00 dabarraan qadaa taโ€™ee dilii guddaa namatti taโ€™a. Saaโ€™aa jaha bira dabruu hin qabu insha Allaah.

โœ…Sheikh Alii Jimmaa๐ŸŽต

184: Imaama jarjarutti akkamitti salaata hidhatan?Gaafii: Yoo imaamni jarjaree yoo maโ€™amuumaan wajjiin deemuu dadhabe ak...
15/05/2024

184: Imaama jarjarutti akkamitti salaata hidhatan?

Gaafii: Yoo imaamni jarjaree yoo maโ€™amuumaan wajjiin deemuu dadhabe akkamitti salaata irraa baafachuu dandaโ€™anii, salaata kana akkam godhuu dandaโ€™an?

Deebisaa: Imaama beekaa Rabbi soodaatu yoo taโ€™e haqqii salaataa guutuu qaba. Xumaaninaan jechuun harkaana salaataa irraa tokko. Xumโ€™aaniinaa jechuu sabataanii yookaa raggaโ€™anii suutaa rukuโ€™allee haqa isaa guutanii sujuudallee haqa isaa guutanii, yoo namtichi kana hundaa wallaalummaan akkuma lukkuu firii guurattuutti dhahe irraa hiikkachuun ni dandaโ€™ama.

Maaliif jennaan namni xumโ€™aaninaa hin qabne, sabatee salaata isaa eeggachuu hin dandeenne suuta suutaan hin salaanne salaataayyuu hin qabu. Wanni wajiin fiigaa oolaniif hin jiru ispoortii miti kun. Kanaafuu irraa hiikkatanii salaata ufii ta lubbuu qabdu nagayaan salaatuu barbaachisa.

Kanaaf Rabbiin guddaan warroota salaata isaanii irraa dantaa hin qabne jedhe, warra waqtii isii dabarsu taanaanuu, warra haqqii salaataa guutuu dadhabe tanaan warra akkana kanaaf ibidda wayli jedhamtutu sabatee jiraaf jedha Rabbiin ุชุนุงู„ู‰ูˆุณุจุญุงู†ู‡. kanaafuu salaata keenya eeggachuudha qabnaa saffii keenya eeggachuudha qabna , wuduโ€™arraa qabne, janaabarraa qabnee, salaata isaa haqqii isaa guutuudha qaba. Jalqabni guyyaa qiyaamaa namni irraa herreegamu salaata. Yoo salaanni tolte ibaadaa biraallee Rabbiin ni tolcha. Yoo salaata akkuma fedhan daddarbatanii ka ilmii malee salaatan taate faayidaan tokkollee hin jiruu kasaaraa guddatu nama mudata Rabbi nu haa tiksu.

โœ…Sheikh Alii Jimmaa๐ŸŽต

185: Hukmiin maallaqa/horii dubartii maatii irraa fagaattee dalagattuu maali?Gaafii: Horiin dubartiin biyya Arabaa jirtu...
12/05/2024

185: Hukmiin maallaqa/horii dubartii maatii irraa fagaattee dalagattuu maali?

Gaafii: Horiin dubartiin biyya Arabaa jirtu/teessu dalagdu haraamaa hajjii dhaqaniinillee, umraa, sadaqatanillee hattaa yoo biyyatti galanii toowabatanillee toowbaan isaanii hin qeebalamu haga isaan horii tana irraa qulqullaahanii, facaasanii ufirraa fixanii harka isaanitti qullaa deebiโ€™anii toowubatanitti akkasi nuun jedhanii malli keenya maalii?

Deebisaa: Dubartiin islaamaa takka ka Rabbiif guyyaa aakiratti amante kophaa isii imala deemuun dhoowwadha, shariyaa Rabbii guddaa keessati daangaa Rabbii cabsuudha. Dubartiin takka Rabbi sodaachuu qabdi, horiidhaaf jecha gandi humaa hin beeyne, abbootiin humaa hin beeyne ijoollee dubraa lafa ajnabiyyaatti karaa dheertuu tana ergachuun rakkoo guddatu isaan irra buโ€™aa, miidhama qaamaattu isaan irra buโ€™a. Baaharatti namni dhumataa jira.

Duniyattuu kasaaraa guddatu nama mudataa jiraa Aakhiratti ammoo ta san caaltutu nama eeggata. Kuni maasiyaa addaatii qofatti nuuf haa hubatamuu obboleeyyan keenya. Intala dubraa takka manni isii sadihuma, mana isiin itti dhalatte ka abbaa haadhaati, manni lammataa mana abbaa manaati, manni sadaffaa ka dhiiraaf dhalaanillee walumaan qabnu qabriidha. Dubartiin tokko mana ufiitii baatee ganda namaa irra deddeemtee yookaa biyya namaa deemtee xiyyaara kortee takkahuu miilaan deemtee miidhama jiru kanaaf Rabbi qofatu beekaa jira. Ijoollee lafa Arabaa jirtu hedduu dubbifnee hedduu wajjiin boonnee jirra. Miidhama isaan irra gahaa jiru, ka qaama isaanii irra gahaa jiru, ka diinii isaanii irra gahaa jiru Rabbi malee namni isaanii beekaa jiru hin jiru.

Ammoo horiin isaan sadaqatan hajjiin dhayxu hin taโ€™u, sadaqattu hin taโ€™u jechaa sani ani daliila itti hin garree jedheetiin jira kanaan dura. Horii namni haraama dalagee walitti qabee eessallee jiraannaan biyyallee jiraannaan tun dhugaadha haraama, horii haraamaa Rabbi hin qeebalu. Ammoo horii danfa isiitiin manuma nama nagaahaa faโ€™a, mana nama sheekhotii faโ€™a horii dalagaa halaalaa, ta Rabbiin isin quba qabu ta waan haraamaatiin hin taโ€™in horii isin argattan Umraa teessan, hajjii teessan, abbaa teessan haadha teessan, masjiida Rabbiitiin ijaartan, qurโ€™aanaan bittan, sadaqattan Rabbiin isin irraa Qeebala inshaaAllaah. Ammoo diliin hin jirtu jechaa miti.

โœ…Sheikh Alii Jimmaa๐ŸŽต

12/05/2024
188: Jannata keessatti dhiirri hural'eeynii qabaa dubartiin hoo huural'eenyii ni qabdii?Deebisaa: Dubartii Rabbi sodaatt...
11/05/2024

188: Jannata keessatti dhiirri hural'eeynii qabaa dubartiin hoo huural'eenyii ni qabdii?

Deebisaa: Dubartii Rabbi sodaattee iimaan qabdu ta Rabbiif jecha uf qabdee jannata argatte huuraleeynii dhiiraa ni argattii jechuu baaneeti. Ee ni argatti huuraleeynii dhiiraa. Akkuma dhiirri dubartii huuraleeynii argatu sanitti dubartiinillee huuraleeynii dhiiraa argatti. Huuraleeyniin dubartiin argattu akka lama. Tokko abbaa manaa saaliha, abbaa manaa gaarii dhiirsa gaarii qabdu.

Rabbiin huuraleeynuma jannataa tana godhee fidaaf isuma kana jechu keeyrii irratti yoo waliin duโ€™anii keeyrii irratti yoo waliin jiraatan. Yoo isiin dubra taate ka hin heerumin taate. Dhiira jannataa shabaaba jannataa isii heerumsiisa isatti. Kanaafuu huuraleeyniin dhiiraatis huuraleeyniin dhalaatis ni jiran jannata keessa. Akka kennuttuu Rabbi ni kenna

โœ…Sheikh Alii Jimmaa๐ŸŽต

11/05/2024

219: Bishaan dhaliinsa dura dubartii irraa bahuu Salaataa fi Soomana ni dhoorkaa?

Gaafii: Osoo isiin hin dhalleen duratti bishaan dhalaa irraa bahu salaata ni dhoorkaa takkaa soommana ni dhoorkaa, salaata balleessaa?

Deebisaa: Intala dhalaa hoggaa dhaliinsaa dhihaattee bishaan isii irraa bahu xahaaraa, garuu wuduโ€™a ni balleessa saniif jecha salaata hin dhiiftuu soommanallee hin dhiiftu.

โœ…Dr.Liwaaโ€™ulislaam๐ŸŽต

238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa? Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qananiโ€™ee ka an osoo hin d...
03/05/2024

238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qananiโ€™ee ka an osoo hin dhiqatin natti azaaname janaabaa sani ittumaanin salaata moo ni dhiqadha?

Deebisaa: Janaabaadhaan salaatuun hin jiru sitti azaanamee azaanamuu baatee janaabaa ufirraa buusanii seera isaa hunda guuttatanii, eega istinjaa godhanii booda wuduโ€™ataanii, gara mirgaatti bishaan buufatanii, eegasii qaama ufii hunda bishaan waliiniin gahanii haga qeensaaf rifeensaan baatuu waliin gahanii dhiqatanii kaโ€™anii salaatan. Azaanamee azaanamuu baatee janaabaan namarraa baโ€™u malee hin taโ€™u ka dhiiraatis ka dubartiitis jechu

โœ…Sheikh Alii Jimmaa๐ŸŽต

Address

Hawalli

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐›๐ž๐ž. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ๐ƒ๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐๐ฎ๐›๐ž๐ž.:

Share