13/10/2024
DHUKKUBBII DUGDAA OFIRRAA ITTISUUF:-
ยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐยฐ
Dugdi keenna lafeelee mormaa hanga tafaatti jiran dabalatee diskiiwwan lafeen dugdaa irra taa'an akkasumas maashaalee fi hidda maashaalee lafee dugdaa walittii fi qaama birootti hidhanii jiraniin ijaarame. Dabalataanis ispaayinaal koordiin lafee dugdaa akka bo'ootti tolfame keessa gadi rarraafamee jiruu fi hiddi narviilee ispaayinaal koordii irraa ka'uun guutuu qaamaa keessa diriirfamanii jiran caasaalee dugda ijaaramaniidha. Qaama keenna utubee ol dhaabuun cinatti sosocho'uuf, ol jennee gadi jedhuuf, bitaa fi mirgatti micciramuuf/garagsluuf, bakka ciifnuu fi teennuu olka'uuf dugda fayyadamna. Maarree qaamni yoo rafnus yoo dhageennus itti fayyadamnu kun yoo garmalee itti fayyadamnee fi miidhaan qaamaa (dhahamuu, kufuu, fi kkf) nu mudate caasaalee dugda ijaaran keessaa kan ta'e wahii miidhamuun isaa hin oolu. Caasa kana keessaa (lafee, diskii, maashaa, hidda maashaalee, ispaayinaal koordii fi hidda narviilee) tokko yoo miidhame dhukkubbiin dugdaa nutti dhagahama. Miidhaan kun miidhaa salphaa akka rigamuu, luqqa'uu fi harkifamuu maashaalee fi hidda maashaalee irraa hanga manca'uu diskii, ispaayinaal koordii fi hidda narviilee akkasumas caba lafee dugdaa ta'uu danda'a. Haa ta'u malee irra caalaan dhukkubbii dugdaa sababii kanarraahi waan jedhamu kan hin qabnee fi rakkoolee fayyaa hammaatoo tahaniin kan walqabatanii miti. Haalotni akka sigaaraa aarsuu, furdina garmalee, dulluma, hojii ulfaatoo akkasumas taa'umsa baay'isuun wantoota carraa dhukkubbii dugdaaf saaxilamuu namatti dabalaniidha.
Dhukkubbiin Dugdaa rakkoo fayyaa nama heddu hubu yoo ta'u al tokkoofis taatu namni jireenya isaa keessatti dhukkubbii dugdaa hin qabaatin ni jira jechuun ni ulfaata. Dhukkubbiin Dugdaa namarraa namatti garagara yoo ta'u dhukkubbii salphaa hanga dhukkubbii cimaa akkasumas kan yerooma xiqqoof turu ykn kan yeroo dheeraaf namarra turu tahuu danda'a.
Jijjirama qaamaa umrii waliin dhufu akkasumas rigamaa fi tatarsa'ama xixiqqoo maashaalee fi hidda maashaalee dugdaa sosochii qaamaa waliin mudatu guutumatti hambisuun kan hin danda'amne ta'us maloota haala jireenyaa garagaraatin carraa dhukkubbii dugdaaf saaxilamuu hir'isuun akkasumas dhukkubbii dugdaa wayyeessuun ni danda'ama.
โ Sochii qaamaa dhaabbataa tahe hojjachuu.
Gosoota Ispoortii akka fiigicha, suksukuu, daakkii fi kkf cinatti sochiilee maashaa garaa fi dugdaa jabeessan hojjachuun lafeen dugdaa kallattii hundumaan maashaalee jajjaboo tahaniin akka utubamu waan gargaaruuf haala salphaa taheen dhukkubbiif hin saaxilamu.
โ Ulfaatina qaamaa hir'isuu.
Ulfaatina fayya-qabeessa fi madaalawaa tahe qabaachuun guutummaa fayyaa keennaaf baay'ee murteessaadha. Ulfaatina garmalee tahe qabaachuun lafee dugdaa irratti ba'aa hin barbaachisne fe'uun dhukkubbii dugdaaf kan nama saaxilu yoo ta'u huqqoo fi ulfaatina gadi bu'aa tahe qabaachuun immoo haphachuu fi laaffachuu lafee fiduun dhukkubbii dugdaa fi caba lafeetif nama saaxila. Kanaaf maloota garagaraa fayyadamuun ulfaatina qaamaa fayya-qabeessa fi madaalawaa tahe eeggachuun carraa dhukkubbii dugdaa hir'isuun ni danda'ama.
โ Tamboo (sigaaraa) aarsuu fi nama aarsurraa fagaachuu.
Aarri sigaaraa fi keemikaalotni sigaaraa keessaa kan akka nikootinii diskiiwwan lafee dugdaa dafanii akka dulloomanii fi manaca'an waan godhuuf sigaaraa fi aara sigaaraa irraa fagaachuun dhukkubbii dugdaa fi rakkoolee diskiiwwan lafee dugdaa irraa nama eega.
โ Haala Dhaabbii qaamaa Sirreeffachuu (Body posture).
Haalli iitti dhaabbatan, taa'anii fi waa itti ol kaasan fayyummaa lafee dugdaa irratti dhiibbaa qaba waan taheef yoo dhaabbatanii fi taa'an akkasumas yoo meeshaa ta'e tokko ol fuudhan dhaabbii qaamaa sirrii tahe qabaachuun barbaachisaadha.
๐ Yeroo taa'an dugdi sirritti utubamuu qaba.
~Cinaatti osoo jedhin, duraa fi duubatti osoo hin jedhin daba (korboo) dugdaa uumamaa eeganii taa'uu.
~ Teessumnii fi dugdi gara gadii teessoo/barcumaan utubamuu qaba.
~ Ceekuu fi mataan sirrii dugda gara olitti galuun ol qajeeluu qaba.
~ Wanti fuuldura jiru kan ilaalaa ykn dalagaa jirru qixa sirrii fuulaa ta'uun gadi jechuu ykn ol jedhuu kan hin feesisne ta'uu qaba.
~ Walumaagalatti haalli teessumaa guutummaa qaamaaf mijataa kan tahee fi qaama harkifachiisu ykn kottonfachiisu tahuu kan hin qabne yoo ta'u gidduu gidduutti teessuma sa'aatii tokkoon booda ol ka'uun hihiixachuun qaama boqachiisun barbaachisaadha.
๐ Yeroo ciisanis dugdi akka ba'aan dabalataa itti hin fe'amne fingarmalee hin dhommoqne haala mijataa tahee fi waan mijataa tahee irra ciisuun barbaachisaadha. Yoo dugdaan ciisan waan boraatii/tiraasii jilba jalaan kaahuun, yoo cinaatti ciisan immoo jilba lamaan gidduu kaahuun ba'aa dugdarraa xiqqeessun dhukkubbii dugdarraa yoo nama eegu garaan ciisun immoo dugdatti ba'aa garmalee fe'uu waan taheef hin gorfamu.
๐ Yeroo meeshaa ulfaataas tahee salphaa ol fuudhan dugdi deeggaramuu fi ba'aan hin barbaachisne irratti fe'amuu dhabuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaadha.
~ Yoo waan tokko lafaa ol kaasan osoo hin jarjarin suuta itti siquun miila lamaan qixa sirrii ceekuu gochuun erga dhaabbatan booda jilbaa fi tafatti cabuun gadi jedhuu, yoo waan baay'ee hin ulfaatne taate dugda osoo gadi hin dhommoksin fuulduratti gadi jedhuu fi harka tokkoon waa qabaachuun harka biraa gadi diriirsuun fuudhuu.
~ Yoo olfuudhan maashaa garaa fi irree fayyadamuu.
~ Yoo gama duubatti deebinu osoo dugda hin micciirin akkuma jirutti qaama guutuun kallattii deemnu sanitti garagaluu.
โขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโขโข
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa Hin Dhabinaa!
Dr Abdi K Gada