03/05/2024
Haadha Dhabuu Mannaa
Haadha Dhabduu Wayya
(Seenaa Garaa Nama Nyaatu)
___________________________
Dhirsaafi haadhawarraa tokkotu ture. Jarri kun akkuma walfuudhaniin mucaa tokko argatan. Mucaa kana akkamalee jaalatu; ilaalanii hinquufan. Hamma humnasaanii kununsanii guddisuu barbaadu. Akka kanaan waggaa yartuu erga wajjin dabarsanii booda guyyaa tokko balaa tasaatiin haati daa'imaa kun duute. Mucichis carra-hammeessa ta'ee haadhamalee adiyyootti hafe. Ganamas galgalas haadhasaa yaadatee nyukkisee boo'a. Abbaan warraa gadda guddaa keessa lixe. Yeroo muraasa booda dubartii biraa fuudhe.
Dubartiin lammaffaan dhufte kunis mucaa biraa deesse. Daa'ima haadha hinqabne sana ijaan argaa jibbite. Qoonqoodhaan adabdi. Yoo namni dhufe, "Gadi bayii ala taa'i!" jettiin. Nixarfiti. Icciitii miidhama mucaasaa kana abbaan quba hinqabu.
Osuma akkatti cinqii agarsiistuu gaafa tokko galgala keessummaan dhufnaan biddeen gogaa harka keessa keessee, "Bayii ala taa'i" jetteen. Daa'imichis qorra keessa mana jala dhagaarra taa'ee biddeen gogaa sana qorquu dadhabee otuma kirkiruu hirkatee muge. Achitti irraanfatame.
___________
Abbaan mucichaa halkan yeroo galu daa'imasaa yeroo kaan fiigee dhaqee jilba keessa suuqamu ijaan barbaadee dhabnaan, "Mucaankoo eessa jira?" jedheen. Haatiwarraas, "Mucaankee gola ciiseera. Dhimma maalqaba jettee yaaddofta? Ciisi" jettiin. Xiqqoo gadi ciisee yoo mugu, haatiwarraasaa duraanii sun abjuun ittidhuftee, "Mucaankoo na bira gayeraa hinbarbaadin" jettiin. Hirriba keessaa wareeree ka'ee, "Mucaankoo dhuguma rafeeraa? Eessa jira?" jedhe. Dubartiinsaa sun aartee, "Na hinjeeqin. 'Rafeera siin jedhe' na dhiisi" Jetteen. Innis deebi'ee gadi ciise. Ammas haati daa'ima duutee abjuun ittidhaqxee, "Mucaankoo na bira gayeeraa hinbarbaadin" jettiin. Bakka ciisuu wareeree ka'ee gola daa'imichi yeroo kaan rafu yoo seenu mucaan hinjiru. Naasuudhaan balbala banee mana jalatti yoo naanna'u, daa'imnisaa akkuma gogduu biddeenaa sana qomatti qabateen qorri goggogsee afuura keessaa fixe; hirriba dhumaa rafee jira.
Haadha Dhabuu Mannaa Haadha Dhabduu Wayya!