Dafqaan Bulaa Kutaa Magaalaa Dambalaa

Dafqaan Bulaa Kutaa Magaalaa Dambalaa adaamaa

29/01/2025

“Dogoggora TPLF irraa waantota 7 baranna”: MM Abiyyi Ahimad..
“…kabajamoo qondaaltota waraanaa, kabajamoo lammiilee keenyaa fi kabajamoo keessummoota keenya bakka kanatti argamtanii!

Dogoggora TPLF irraa waantota (torba) akka barannuun isin affeera. Yaadni-mandaraa-keessaa TPLF wal qoodiinsa uumuuf fide; jibbi, hammeenyi fi hattummaan TPLFn injifatamuuf isa geesise, fuulduraafis injifannoon qe’ee isaa akka hin geenye kan taasise amala hammeenyaa TPLF qaburra kan maddu ta’us, waggoottan sadan darban keessatti TPLF sirreessee yaaduu hanqachuu isaatiin, dhiibbaan inni uummata irraan geesisee arguuf (qabxiileen torban kun) nu gargaaru:

, Jijjiiramni erga dhufe as, uummatni Itoophiya dhiifama akka nuuf taasisu gaafannee, uummatnis yakka san irraanfatee, warra isa yakkanis ofitti qabee haammatee jiraachuuf osoo qophaa’uu, TPLF garuu adeemsa jijjiiramaa sana fudhatee, deeggaree dhaabbachuu hin dandeenye. Kanaanis dogoggora seenaa isa jalqabaa raawwateera. Dhiifama argate dhabee, badiin guddaan akka irra ga’u taasiseera.

, yeroo Paartiin Badhaadhinaa hundeeffame, TPLF kabajaa fi maqaa isaa irra darbee osoo Uummata Tigiraayif yaadeera ta’ee, Badhaadhina keessaa ba’uu dhiisee yookiin ammo lamatti qoodame gariin Badhaadhina keessatti osoo hafuu danda’eera ta’ee, lammiilee hedduu badii irraa hambisuu ni danda’a ture. Kana gochuu waan dadhabeef, ulaan hattummaa fi hammeenyaa TPLF banamee akka mul’atuu taasisee, waan hedduu mancaaseera.

filannoo dha. Yeroo Paartiin Badhaadhina haganas Nannoo Tigiraay keessatti filannoo irratti dorgomuuf qophaa’aa hin turretti, Heera Mootummaa TPLF mataan isaa barreessee keessatti Boordii Filannoo tokkoo fi humna waraanaa tokko qofatu jira kan jedhuu osoo barreeffamee jiruu, Boordii Filannoo dhiisee koree filannoo moggaasee, filannoo taasisuuf yaaliin inni taasise kisaara guddaa irraan geesiseera. Filannoo mootummaan federaalaa baasii isaa ramadee raawwachiisuu qabu, TPLF baasii isaa danda’ee “Filannoo Caraqaa” yookiin seeraan alaa geggeesseera. Kunis badii hedduu qaqqabsiise.

, haleelaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatame. Haleellaan kun karaa hedduu kanaan dura ibsameera. Mee karaa tokko qofa ammaaf haa ilaallu. Qondaaltota kumaatamaan lakkaawaman, kan Raayyaa Ittisa Biyyaa waggoottan 20 fi isaa oliif tajaajilan, dhiigaa fi sanyii qofaan gurmeessee, Raayyaa Ittisa Biyyaa keessaa ba’aa jechuun uummata Tigiraayii fi TPLFn hedduu miidheera. Humna qabu kana osoo nu keessa tursuu danda’eera ta’ee, turban sadii keessatti injifachuun kan danda’amu hin ta’u ture. Dabalataan, humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa baasifaman kun anga’oota aangoo gurguddaa fi qabeenya gurguddaa qaban ta’anus, warren aangoo gad-aanoo qaban yoo xiqqaate osoo waggaa tokkoof turanii namoota damooza hin qabne, namoota miindaa sooromaa hin qabne, namoota biyya ganan hin ta’anu turan. Humna injifataa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa goranii, humna injifatamaa bira hin dhaabbatan turan.

, yeroo Maqalee gad-dhiifnee baane, naa ba’aniiru jedhee ragaduu dhiisee irra deddeebiin yaaduu osoo danda’ee, silaa lubbuu dargaggoota kuma hedduu du’a irra hambisuu ni danda’a ture.

’affaa, imalli TPLF gara Dasseetti taasise, akka waan irraan gadee adeemuu, osoo itti hin qophaa’in, osoo itti hin yaadin, haala quufsaa ta’een osoo of hin gurmeessin, osuma carraan uumameeffillee akkamitti biyya bulchuu akka qabu karoora osoo hin baafatin, akka jaamatti fiiguun isaa, injifannoo waan argatneef qofa galma kaawwatne bira darbinee adeemuu akka hin qabne irraa baranneerra. Humna kana deebifne ofirra faccisuuf tarkaanfii fudhanneen erga naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa baafnee booda, kana caalaa deemuun nu hin barbaachisu jennee kan murteessineef, imala jaamaa taasisuun, badiin TPLF irra ga’ee nurra ga’u akka hin waan baranneefi.

fi isa dhumaa, amma gara Naannoo Tigiraay seennee loluuf sababoota hedduu kan qabnu ta’us, hin seennu jennee erga dhabbannee booda, dhimma kana tasgabbiidhaan yeroo teenyee ilaalaa jirru kanatti, ammas TPLF hin boqonne. Har’as bitaa fi mirgaan nu tuttuquu barbaada. Dogoggora torbaffaa raawwachuuf kan adeemaa jiru TPLF injifannoo argachuun akka gonkuma hin taaneef kan beeku ta’us, dargaggoota Tigiraay irratti balaa du’aa fi badii kan geesisu waan ta’eef, dogoggorri torbaffaan kun osoo daangaa ce’ee hin ba’in, har’as nu hin tuttuqina, nurraa turaa jennee gorsuu barbaadna. Nu tuttuqxu yoo ta’e akkuma beekamu tarkaanfii cimaan isinirra ga’uu mala.

Obbolummaa uummattootaa

Kaleessa himata addaan kutnee, hidhamtoonni seeraa haa ba’an jennee yeroo murteessine, jaleen TPLF gariin akkawuntii Amaaraa fakkaatu banatanii, gariin ammo akkaawuntii Oromoo fakkaatu banatanii, nuyin waal nyaachisuuf osoo hin rafin bulaa jiru. Oromoo fakkaatanii, Amaara fakkaatanii yaalii hedduu taasisaniiru.
Amaaraa fi Oromoon amala waantota xixiqqoon walitti mufachuu qabu, kunis mufii haasaadhaan sirraa’u qabu dha. Garuu yeroo biyyi xuqamtu, ajandaa xixiqqoo dhiisanii tokkummaadhaan boolla tokko keessatti akka wareegamanuu taateleen ji’oottan darban argine hunda caalaaf TPLFif barumsa ta’eera. Kanaafuu fokkorsuun duwwaan kun akka addaan nu hin qoodne, akka nu hin dhaabne hubatanii nu tuttuquu irraa akka of qusatani fi dogoggora torbaffaa akka hin rawwanne gorsina.

Addunyaan kaanis ija isaa banatee, dhugaa akka barbaadu, waraana waggaa tokkof geggeeffame keessatti, mootummaa fi uummatni Itoophiyaa nagaa barbaadee nagaadhaaf barruu isaa diriirsaa, irra deddeebiin qaaxxeen irratti kan aggaamame ta’us, waltajjii idil-addunyaa irratti haqa kan dhabee ta’uusaa hubannus, ammas barruu nagaa diriirsine kana fudhachuu dhiisee, humna nu tuttuqaa jiru kana addunyaan ija isaa banee akka ilaaluu fi dhugaa akka barbaadu hubachiisuun fedha.

Uummata Tigiraay

Waggootan darban kana keessatti uummatni Tigiraay karaa siyaasaa, diinagdee fi dippilomaasi miidhaa guddaan irra ga’eera. Yeroon kun yeroo itti uummatni ija isaa banachuu qabu natti fakkaata. Uummatni Tigiraay ija isa banatee dhugaa akka ilaalu adaraa jechuun barbaada.

Uummata Itoophiya birootiif

Tokkoffaa haadholeen keenya ammas oli ilaalaa, Waaqa Uummaa keessan kadhachuu hin dhiisinaa. Lammaffaa, dargaggoota biratti keessayyuu Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota addaa naannoolee jajjebeessuu fi akka wal dubbisan taasisun addaan cituu hin qabu. Sadafaa, hunda caala iccitiin injifannoo keenyaa tokkummaa keenya eeguudha waan ta’eef, tokko ta’uun, idaa’amuun, waliin dhaabbachuun injifannoo fulla’aadhaaf waan nu geesisuuf, har’as idaa’amuudhaan tokko taatanii waliin dhaabbachuu keessanin hawwa. Nuti biyya bilisa taate abbooti keenya irraa dhaalleerra; biyya bilisa taatee ilmaan keenya dhaalchisuuf, fedhii keenyan gamatti, fedhii warren biros hubachuun kenninee fudhachuu qabna...”

Haasaa MM Abiyyi Ahimad kaleessa eebba Gamoo Ministeera Ittisa Biyyaa irrati taasisan keessaa kan fudhatame

27/01/2025

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa geggeeffamuuf jedhu irratti murtoowwan guguddoon ni murtaa’u “Obbo Adam Faaraah”
~~~

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan guguddan kan murtaa’an ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Yaa'iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan gurguddoo kan murta'aniifi kallattiin fuulduree paartichaa kan kaa'amu ta'uu himaniiru.

Qondaaltoonni WBO waamicha nagaa fudhatanii galanitu warra sabaaf yaaduUmmanni Oromoo bal'aan isiniif galata guddaa qaba...
02/12/2024

Qondaaltoonni WBO waamicha nagaa fudhatanii galanitu warra sabaaf yaadu

Ummanni Oromoo bal'aan isiniif galata guddaa qaba. Gama tokkoon.isin warra sirna Gadaaf aboomtaniidha. Warra safuu fi safeeffannaa beektan ta'uu keessan mirkaneessitaniittu. Gama biraatiin Isin warra sagaleen miidhamtummaa ummataa isin quuqee owwaachuun quuqama sabaa agarsiiftani dha. Galatoomaa! Isin gantuu miti. Gantuun warra umrii boo'ichaa fi dararaa sabaa dheereessuuf murteessee taa'uudha. Gantuun warra gaafa isin nagaaf harka diriirfaran boo'icha taa'eedha. Galatoomaa jenna🙏

Oduu simbirtuu Baga gammaddan!Waliigalteen nageenyaa mallattaa'ee jira. Mootummaa fi WBOn waliigaltee nageenyaa jalqabuu...
01/12/2024

Oduu simbirtuu
Baga gammaddan!
Waliigalteen nageenyaa mallattaa'ee jira. Mootummaa fi WBOn waliigaltee nageenyaa jalqabuu fi sunis walhubannaarra gahaa jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama. Guyyaa har'aa karaa aadaa fi duudhaa Oromoo eegeen, bakka Abbootiin Gadaa, Hadhoolii Siinqee argamanitti WBO fi mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduutru waliigalteen nageenyaa mallattaa'ee jira.

  ~Danbalaa~WanjiiEbla.13/08/2016~~~~~~~~~~~~~~~~~~  Magaalaa Danbalaa Aanaa Wanjiitti zoonii Diddiimtutti mariin haala ...
21/04/2024

~Danbalaa~Wanjii
Ebla.13/08/2016
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Magaalaa Danbalaa Aanaa Wanjiitti zoonii Diddiimtutti mariin haala yeroo,nageenya,Gurmaa'insa paartii fi Mootummaa irratti dargaggoota wajjiin mariin hoo'an gaggeeffamee jira.

12/04/2024

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dafqaan Bulaa Kutaa Magaalaa Dambalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category