15/04/2025
Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15 waggaa 41ffaan har'a Ebla 15 bara 2025 ummata Oromootiin kabajamaa jira.
Dhumaatii hooggantoota ABO irratti Ebla 15 bara 1980 Shinniggatti dhaqqabee fi Mudde 23 bara 1981 dirree dhihaatti muudate hordofee ABOn bara 1985, Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhamuun waggaa waggaan akka yaadatamu murteesse.
Warraaqsa bara 1960moota booda qabsoo Oromoo bifa fafacaateen adeemsifamaa turte roga qabsiisuu fi mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessu, tiksuu fi eeguu, mirga waloo beekamtii addunyaa argate ummata isaatiif dhugoomsuuf Addi Bilisummaa Oromoo hundeeffame.
Ummanni Oromoo Mirgaa fi qabeenya, hawaasummaa fi aadaa, dinagdee fi siyaasaa, abbaa biyyummaa fi eenyummaa dhuma jaarraa 19ffaa mootummaa gabroomfataa Itoophiyaatiin saamame deebifachuuf qabsoo gitaa taasisuu jalqabe.
Qabsoon qindoomina qabu, kan Oromoo hunda hammatee, kan kaayyoon isaa Oromiyaa walaboomsuu ta'ee fi mul’anni isaa Oromiyaa birmadoomte arguu ta'e, bara 1973 hundeeffamuu Adda Bilisummaa Oromootiin eegale.
ABOn bara 1973 hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale.
Dhaabichi kan qabsaa’uuf, bilisummaa fi dimookraasii ummanni Oromoo armaan dura sirna gita bittootaatiin sarbame deebisee argamsiisuu, birmadummaa fi gaaffii abbaa biyyummaa ummata Oromoo mirkaneessuufi.
Gootonni Oromoo kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo jala hiriiruun eenyummaa Oromoo deebisani jiraachisuu fi ijaaruuf sabboonummaa sabummaa irratti hojii bal'aa hojjatan.
Bara 1974 sochii barattootaa “lafti qotee bulaaf” jedhuun mootummaan fiwudaaliziimii kufus cunqursaan gita bittoota Itoophiyaa karaa biraatiin itti fufe.
Gootonni Oromoo haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasaa fi Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa turan.
Bara 1977/78 keessa Dargiin dhaabota akka Ihaappaa magaalaadhaa baasee, Ma'isoon's bittinneessuu hordofee xiyyeeffannaa isaa gara hundeessitoota ABO yoo naannessu, hoogganoonni dhaabich