09/09/2026
Beezaawit Birriillee Ethio Elektrikii Waliin Waliigaltee Waggaa 2 Mallatteessite
💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪💪
Leenjituun Jiddu-galeessa Leenjii Kubbaa Miilaa Amboo Goolfifaa kan taate taphattuun sarara fuulduraa (striker) Beezaawit Birriillee, kilaba Ethio Elektrikii waliin waliigaltee waggaa 2 tursiisu mallatteessiteetti.
Beezaawit bu'aa jiddu-galeessa leenjii kanaa kan taate, taphattuu cimtuu fi naamusa gaarii qabdudha. Jiddu-galeessi Leenjii Kubbaa Miillaa Amboo Goolfifaa carraa guddaa fi seenaqabeessa isheen argatte kanatti gammachuu guddaan kan itti dhagahame yoo ta'u, kilaba ishee haaraa keessatti cimiinaa fi dandeettii ishee mul'isuun bu'aa boonsaa fi utubaa kilabichaa akka taatu abdii guutuu qaba.
Jiddu-galeessichis Beezaawitiif fuuldura carraa gaarii ,milkaa'inaa fi bara hojii gammachiisaa akka uumuuf hawwii gaarii qabu ibsa! ❤️❤️❤️❤️❤️