27/07/2022
𝐀𝐤𝐤𝐮𝐦𝐚 𝐊𝐚𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐫’𝐚𝐚𝐬 𝐐𝐨𝐫𝐦𝐚𝐚𝐭𝐨𝐭𝐚 𝐈𝐧𝐣𝐢𝐟𝐢𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐂𝐞𝐞𝐧𝐞𝐞, 𝐇𝐚𝐫𝐤𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐚𝐟 𝐧𝐢 𝐁𝐚𝐥’𝐢𝐟𝐧𝐚
******************************
Kabajamtoota Ummattoota Biyya Keenyaa Hundaaf Maqaan Itoophiyaa jedhu maqaa kabajaa rakkoodhaaf harka osoo hin kennin, qormaataaf osoo hin jilbiiffannee fi gufuuwwan cehuudhaan injifannoo ittii gonfatanidha. Seenaa ishee keessatti biyyi keenya yeroon isheen qormaata malee dabarsite muraasa. Tattaaffii cimina ijoollee isheetiifi gargaarsa waaqayyootiin, rakkoowwan mudatan hedduu damdamattee as geessee jirti.
Har’as cimina biyya keenyaa qoruuf rakkoo baay’een yoo nu marsaniis, qaamoleen adda addaa halkaniifi guyyaa lubbuu keenya rakkoo keessa galchuuf walitti yoo dhufanis, gara fuulduratti deemuu keenya hin dhaabnu. Nuti yoomiyyuu, warri cimina eenyummmaa keenyaatii fi gargaarsa Waaqayyootti amannu, bacaqii gannaa keessa darbinee, ifa birraa abdachiisuutu nutti mul’ata, dukkanaan gamatti ifa boonsaan akka jiru ni beekna. Dukkana kaleessaa akkuma darbine, rakkoo har’a nu quunname sababni cehuu dadhabnuuf akka hin jiraanne amanaa, har’as ciminaa fi jabina uumaaan nuu keenneef galata galchuuf duubatti hin jennu. Galateeffachuun humna guddaa bara darbe injifannoon, yeroo keessa jirru carradhaan, yeroo dhufu immoo abdiidhaan akka eegnu kan nu taasisuudha.
Gama biraatiin galata waakkachuun, xiin-sammuu mo’atamuu fi carraa dhabuu uuma. Ofii keenyaa fi namoota biroo ilaalcha gaariifi jaalalaan akka hin ilaalle nu taasisa. Qaamni dhuunfaas ta’ee uummanni waan argatetti hin quufnee fi hin galateeffanne, hir’uu malee kennaan addaa inni qabu itti hin mul’atu. Rakkoo irra gahe malee, carraan kennameef guddaa ta’ee itti hin mul’atu. Rakkoo gara fuulduraa dhufu malee, gammachuun fuuldura isaa jiru sammuu isaa keessatti hin katabamu. Namni galata galchu, rakkoo hamaa keessatti injifannoo fi carraa isaa nama ilaaluu danda’uudha. Bubbee fi danbalii caala jabeenya doonii ilaala. Baay’ina qo