09/10/2022
OBN Fulbaana 29,2015- Qonna arfaasaafi jallisii bonaatiin Callaan qamadii kuntaalli miliyoona 100 fi miliyoona 53 ni oomishama jedhame.
Qonna qamadii arfaasaan callaan kuntaalli miliyoona 101 tti tilmaamamu oomishamee jiraachuu fi oomisha jallisii bonaan ammoo kuntaala miliyoona 52, walumaagalatti callaan kuntaalli miliyoona 100 fi miliyoona 53 kan oomishamu yoo ta'u, fedhiin qamadii biyya keessaa kuntaala miliyoona 107 ta'uu fi qamadii kuntaala miliyoona 26 gabaa biyya alaatiif dhiheessuuf karoorfamuun himameera.
Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf qamadii biyyoota alaarraa deggersaan argachaa turte ofirra dabartee gabaa alaaf dhiheessuuf hojjechaa jirti jedhan Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad.
Naannoon Somaalee kana dura gogiinsaan beekamaa turte, yeroo ammaa misoomtee bonaa ganna oomishuunsee hojii milkaa’ina guddaa agarsiisedha jedhan.
Hojiin oomisha qonnaa qamadii bonaa baranaa kan bara darbe hojjetameen dachaan dabaluu qabas jedhan Dr. Abiyyi.
Humnaa fi qabeenya qabnu fayyadamnee qamadii oomishuuf karoorfanne ol milkeessuu qabna jedhan.
Qormaataarraa barachuu,kalaqa gara garaa fayyadamuu qabna,barri 2015 bara cehumsaa, bara waan itti karoorfanne itti milkeessinu nuuf haa ta'u jechuun hawwii qaban ibsan Ministirri Muummee Itiyoopiyaa Dr. Abiyyi Ahmed