31/05/2022
Artist Sharmaarkee Aadam Magaalaa Dirree Dhawaa irraa qaama hin beekkamneen butamee achi buuteen isaa yeroof akka dhabamee jiru odeessi Magaalaa Dirreedhawaarraa nu dhaqqabe ifoomseera.
Sababni inni qabameefiis hanga ammaatti kan addaan hin bahin tahullee qaamotni tika mootummaa eenyummaan isaanii hin beekkamne fuudhanii akka deemaniin waahilootni isaa kanneen isatti dhihaatan ibsaniiru !.
Itti dabaluudhaaniis rakkinni tokko yoo isarra kan qaqqabu tahe itti gaafatamni bulchiinsa magaalattii tahuudhaas cimsanii akeekkachiisaniiru !.
Kanaafuu Sharmaarkeen ogeeysa Aartiiti malee miseensa paartii kamiyyuu miti waan taheef hatattamaan iddoon inni geeffamee jiru hawaasaa fi maatii isaatiif ifoomee dhimmi inni shakkamee butameefiis osoo oolee hin bulle qulqullaawee akka hidhaarraa nuuf hiikamu cimsinee bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa gaafanna !.
Osoo dhimmi qeerroo fi qaroowwan Oromoo kan baay'inni isaanii nama 305 tahe kanneen kanaan dura shiraan hidhamanii haqa dhabuudhaan dararamaa jiraniituu garaa nu gubaa jiruu kan Halkanii fi guyyaa nuuf hiikaa jennee isinitti lallabaa jirtuu gaafii ummataa tuffachuudhaan ammallee nama siyaasarraa bilisa tahe kan roga aartiirratti bobbahee aartii Oromoo addunyatti mul'isaa jiru qabdanii achi buutee isaa dhabamsiisuun tuffii saba kanaaf qabdan mul'isaa jirtan waan taheef osoo hawaasni hadhaawee fincilaa fi hokkora biroo keessa hin seenne isaa fi warra Amma dura iyyaa turreefillee dabalatee kanneen nuti hin dhagehin kan sababa qaroo Sabaa tahe qofaaf hidhamee jiru hedduunilleen waan jiruuf hatattamaan nuuf hiiktan hiikaa !.
Gorsa obbolummaa kana diddan taanaan balaa amma booda mudachuu teessuuf itti gaafatamummaa fudhachuuf of qopheessaan dhaamsa koo kan obboleeyyan keenya warreen caasaa hoggansa Magaalaa Dirreedhawaa keessa jiran hundaati!!!!