Wbo Nonii bahaa

Wbo Nonii bahaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wbo Nonii bahaa, Real Estate, Riyadh.

30/12/2021

Shororkeessummaa, Shiraa fi Fakkeessiin Furmaata Nagaa fi Tasgabbii Ta’ee Hin Beeku!

Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Mudde 29, 2021

Muddee 11, 2021 humni ittisa Tigray (TDF) gara duubaa sosso’ee booda partiin badhadhina ofiin jedhu, PPn, gama tokkoon lola ijibbaataa WBO dhabamsiisuuf nan gaggeessa jedhuun Oromiyaa weeraruuf yaaluun; gama biraan ammoo marii nagaa fi araaraa gaggeessa jedhee hawaasa addunyaa afaanfajjeessuuf yaalaa jira. Lolli inni gaggeessaa jira jedhus haleellaa cimaa WBOn irraan gaheen ol’aantummaa WBOdhaan, meeshaa waraanaa hedduu irraa boji’uu fi bobbaa isaa babal’ifachuun of dura tarkaanfachaa jira.

PPn injifatamuu isaa kana dhokfachuuf ummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota nagaa fiixuun, yakka sanyii duguuggaa Oromoo fi sabaa fi sablammoota irratti raawwachuun shororkaa uumuuf tattaafataa jira. Yakka ofii raawwates WBOtti haqachuuf olola qindaawaa gaggeessaas jira. Lola PPn Afrikaatti babal’isuuf barbaadu kun, kan sagantaa siyaasaa Minilk – farra dhala namaa ta’e, Itiyophiyaa keessatti akka ol’aantummaa qabaatu hojjechaa jiran waan ta’eef, uummata Oromoos ta’e saboota cunqurfamoo, biyyooti Afrikaas ta’e hawaasi idiladdunyaa balaaleffachuu qabu. Toftaan haaraan PPn kan Miniliktti dabalan yoo jiraate, yakka ofii uummata nagaa irratti raawwatan mara akka WBOn ykn falmattooti bilisummaa raawwatan fakkeessanii dhiheessuun hawaasa addunyaatti kijibanii dogoggorsuuf yaaluudha.

Kanaaf ragaan, Kaaba Oromiyaa Wallo keessatti uummata Oromoo nagaan qee’ee isaa keessa jiraatu, qilleensaa irraan boombii itti roobsanii fi lafa irraan weerara addaa irratti gaggeessuun, duguuggaa sanyii bifa sukkaneessaa ta’e irratti raawwachuu isaanii gabaasni fi ragaaleen vidiyo kaaba Oromiyaa Walloo keessaa dhaamaman mul’isaa jiru. Duguuggaan Sanyii Abbootii Gadaa Karrayyuu irrattis PPdhaan
raawwatames Oromoo shororkeessanii qabsoo isaa irraa duubatti harkisuuf karoorfame ture. Ajjeechaa maatii Presedantii Oromiyaa duraanii obbo Alamaayyoo Atoomsaa irratti raawwatames qaamuma shira hordoftoota Minilik ta’uu hubatamuu qaba.

Jaarraa 21ffaa keessa yakkaa fi shira kana fakkaatu raawwatanii ijaarsa hawaasaa diiguun fi kan ofii ijaaranii aangoo irra turuun kan barri itti darbe dha. Bara kana keessa dhugaa dhoksuun ulfaataa waan ta’eef,yeroo gabaabaakeessatti yakkii fi shirri saba irratti raawwatamaa jiru PP keessaayyuu osoo oolee hin buliin saaxilamaa jira. Fakkeenyaaf ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame kan ajaja aangawoota PPdhaan akka raawwatame aangawaan PP Tayyee Danda’aa ifaan ibsee jira. Ammas PPn qabsoo sabaa fi sablammootaa waraanaan dhaabuu dadhabde ololaan laaffisuuf tattaaffii gochaa akka jirtu uummati keenyi hubachuu qaba.

1. Hordoftooti Minilik qaama WBO fakkaatuu ofii bobbaasanii fi miseensota WBO duraanii keessa namoota quunnamanii ajjeechaa sukkaneessaa hogganoota aadaa, namoota bebbeekamoo fi uummata irratti raawwachuun, saaminsa gaggeessuuni fi qabeenya uummataa barbadeessanii hiyyoomsuun WBO uummata biratti jibbisiisuuf, WBO onnee fi sammuu uummata keessaa baasuu,
akkasumas akka WBOn dhiheessii gahaa hin argatne tolchuu qabna jedhanii duula gochaa fi ololaa qindeessanii sosso’aa jiran uummati keenyi hubatee;

2. Namoota ABO fi WBO keessa turan itti dhimma bahuun olola walitti fufiinsaa oofuun akka ABO-WBO jibbamu taasisuu, fakkeenyaaf namoota akka Qajeelaa Mardaasaa fi Goollicha Dheengee fakkaataan mediatti baasuu, uummata keessatti bobbaasanii akka marii gaggeessan tolchuun uummata keessatti afaanfajjii uumuuf karoora qaban irratti dammaqee;

3.Namoota Qabsoo hidhannoo hulluuqanii seenan, dantaa dhuunfaaf bololan quunnamanii nutu isiniif jira, jabaadhaa isin gargaarra jedhanii diaspora fi biyya keessaa quunnamanii dirqama PP irraa fudhatanii raawwatan dhidhiibanii fi uummata irratti yakka raawwatan, uummata saamsisan, hiraarsani fi jireenya isaanii dhuunfaatti deebihan jajjabeessuun, WBO keessatti garagarummaa
dhalchuuf tattaafachuun mallattoon waan jiruuf;

4. Warrumti lola kana gaggeessaa turan gam tokko maqaa marii nagaa fi araaran ofumaa walitti haasahuun mirga uummataa ukkaamsuuf karoora waan qabaniif;

Uummatni keenyi fi hawaasni idil-addunyaa toftaa fi shira hordoftooti Minilik itti dhimma bahanii fi xaxan hubatee, sagantaa siyaasaa Minilk diduun, duula Minilik irratti bobbaafame fashalsuun dhimma jiraachuu fidhabamuu sabaa fi sablammootaa waan ta’eef; dabaa fi shira hiriyyaa hin qabne kan Oromummaa fi eenyummaa sabootaa irratti gaggeeffamaa jiru, miseensota PP eenyummaa isaanii tikfachuu barbaadan
dabalatee waan dhabamsiisuf deemu waan ta’eef ilmaan Oromoo waraana PP keessa jirtan marti ofiif jecha meeshaa qabdan gaggeessitoota sagantaa Miniliktti garagalchitanii qaama seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo taatan, yoo sun ta’uu hanqate seenaan General Sa’ire Mekonin kan isin irraa hin hafne ta’uu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa

Sagantaan siyaasaa Minilik sabaa fi sablammoota impayera Itiyophiyaa keessa jiran qofaa osoo hin taane hawaasa idil-addunyaa maraaf balaa guddaa waan qabuuf, lola PPn maqaa Minilikiin moggaasee gaggeessaa jiru kunis kan impayera Itiyophiyaa diigee naannoo gaanfa Afrikaa jeequmsa keessa galchuu waan ta’eef tokkummaadhaan dura dhaabbatamu akka qabu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO dhaama. Sochii Haqaa, Nagaa fi Dimokraasii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Diddaa Duula Minilik irratti gaggeessuuf jalqabes jajjabeessuf, qaamni haqa, nagaa fi dimokraasiif dhaabbate martis sochii kana akka deeggaru ajajaan ol’aanaa ABO-WBO waamicha godha.

Yakkii fi maqaa balleessiin WBO irratti gaggeeffamaa jiru kan akeeka siyaasaa of keessa qabu ta’uu hubachiisaa, akeeki WBOs uummata isaa bilisoomsuufi hiree saboota hundaaakkasabooti ofii isaaniif murteeffatan hiree banuu ta’uu beekamee, uummattoota ollaa waliin gamtaa tolfannejabeeffachaa of dura tarkaanfachuun kan filamata biraa hin qabne dha. Kabajaan dhala namaashaqaaf dhaabbachuu, haqaa fi wareega baasuun jabaatanii mul’achuu irraa waan madduuf, eenyummaan keenyi fi mirga dhala namaa keenyi akka kabajamu, biyyaa fi qabeenya keenya irratti akka abbaa taanu, tokkummaadhaanis waliin qabsoofnee sagantaa siyaasaa Minilik of irraa kaasenee bilisoomnu shakkiin hin jiru. Shororkeessummaa, shiraa fi fakkeessiin furmaata nagaa fi tasgabbii ta’uu akka hin dandeenye Ajajaan ol’aanaa ABO-WBO hubachiisa!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Mudde 29, 2021

Baankiin Oromiyaa Imala Milkaawaa taasisaa jiraBaankiin Oromiyaa safartuuwwan raawwii hundaan daandii guddinaa irra imal...
27/12/2021

Baankiin Oromiyaa Imala Milkaawaa taasisaa jira
Baankiin Oromiyaa safartuuwwan raawwii hundaan daandii guddinaa irra imalaa jira.
Baankiin keenya yaa’ii Abbootii Aksiyoonaa 12ffaa gaafa Sanbataa Muddee 16, 2014 taa’ame irratti gaabaasa boordii daarektarotaa dhiyaateen guddinni kun ibsame.
Bu’uuruma kanaan, bara bajataaa 2020/21 A.L.Atti qabeenyi waliigalaa Baankichaa keenyaa 23%’n guddina agarsiisuun Qar. Biliyoona 41.7 gaheera. Akkasumas, baay’inni maamiltoota Baankii keenyaa dhibbeentaa 45n dabaluun miiliyoona 2.49 kan gahe yoo ta’u, maallaqni kuufannaa ammo dhibbeentaa 24n dabalee qarshii biliyoona 34.35 gaheera. Baankiin keenya faayinaansingii tajaajila baankii dhala irraa bilisaa dabalatee liqaan kenne qarshii biiliyoona 25.77 kan gahe yammuu ta’u, kunis kan bara darbee irra dhibbeentaa 27n caalmaa qaba. Bu’aan waliigalaa (gibira dura) Baankiin keenya galmeesse Qar. Biliyoona 1.13 ta’uun isaa beekameera.
Baankiin Oromiyaa bu’aalee galmeessaa jiru dachaan dabaluuf kan dandeessisu karoora tarsiimawaa waggaa shanii baafatee hojiittii kan gale yoo ta’u, tajaajila olaanaa kara hundaan maamiltoonni baankii keenyaa itti gammadan dhiyeessuufis Baankiin keenya cimee hojjetaa jira.
Milkaa’ina Keessaniif Hojjenna!

ኦሮሚያ ባንክ የስኬት ጎዳና ላይ ይገኛል
ኦሮሚያ ባንክ በሁሉም የአፈፃፀም መመዘኛዎች የዕድገት ጎዳና ላይ እየተጓዘ ይገኛል፡፡
ባንካችን 12ኛውን የባለ አክሲዮኖች ዓመታዊ ጠቅላላ ጉባዔን ቅዳሜ ታህሳስ 16 ቀን 2014 ዓ.ም ያካሄደ ሲሆን በቀረበዉ የዳይሬክተሮች ቦርድ ሪፖርት ላይ እድገቱ ቀርቧል፡፡
በዚህም መሠረት የባንካችን ጠቅላላ ሀብት በ23% ጨምሮ ብር 41.7 ቢልዮን ደርሷል፤ በተጨማሪም የባንካችን የደንበኞች ብዛት ከቀዳሚው ዓመት ጋር ሲነጻጸር በ45 ከመቶ በመጨመር 2.49 ሚሊዮን የደረሰ ሲሆን፣ የባንኩ ተቀማጭ ገንዘብ በ24 ከመቶ በመጨመር 34.35 ቢልዮን ደርሷል፡፡
ባንካችን በመደበኛው የባንክ ሥራ የሰጠው ብድር እና ከወለድ ነፃ በሆነው የባንክ ሥራ የሰጠው ፋይናንሲንግ በድምር ከቀዳሚው ዓመት በ27 ከመቶ አድጎ ብር 25.77 ቢልዮን ደርሷል፡፡ከዚሁ አፈጻጸም ጋር ተያይዞ ባንካችን በበጀት ዓመቱ ከግብር በፊት ብር 1.13 ቢሊዮን ትርፍ አስመዝግᎆል፡፡
በሌላ በኩል የባንካችንን ሁለንተናዊ አፈጻፀምና የመፈጸም አቅም በወሳኝ ሁኔታ እንደሚያሻግር የታመነበት የላቀ የደንበኛ አገልገሎት አሰጣጣችንን በእጅጉ የሚያሳልጥ የሦስተኛ ዘመን የአምስት አመት የስትራቴጂ ዕቅድ ተቀርጾ የትግበራ ጅማሮ ላይ ይገኛል። አዲሱ ብራንዳችንም በአዲስ ገጽታ፤ በአዲስ ምልከታና በታደሰ አስተሳሰብ ደንበኞቻችንን የምናገለግልበት የቃልኪዳን ምልክታችን ነዉ፡፡
ለስኬትዎ እንተጋለን!

Oromia Bank on the path of Success
Oromia Bank is moving forward with tremendous achievements in its operational, financial and other key performances.
The Board of Directors presented on our Bank’s 12th Annual Ordinary Meeting of Shareholders held on 25th December 2021 indicated that the Bank is on the path of success.
To this end, our Bank’s total asset has reached Birr 41.7 billion growing by 23%. The customer base in terms of number of deposit accounts grew by 45% and reached 2.49million. Deposit resource mobilization performance showed a growth of 24% and reached Birr 34.35billion. Performance on provision of loans, advances and financing including Interest-Free Banking financing resulted in a growth of 27% and reached Birr 25.77Billion. Likewise, our Bank has managed to attain a profit of Birr 1.13 billion.
On the other hand, our Bank has developed its 3rd corporate and functional strategies which is believed will hugely help us to bring superior customer experience. And our new brand also enables us to serve our customers with new spirit, new look and offer vibrant service.
Serving To Empower You!

Barreessaafi Qondaala Siyaasa ABO kan ta'e Jaal Yaasoo Kababbaa Hordofaa waggaa lamaaf mana hidha Qilixootti hidhamun da...
22/11/2021

Barreessaafi Qondaala Siyaasa ABO kan ta'e Jaal Yaasoo Kababbaa Hordofaa waggaa lamaaf mana hidha Qilixootti hidhamun dararaa arga turun dhiheenya bilisa ba'un isaa niyaadatama.

Yeroo lamaffaaf torban tokko dura tika PPn qabamu jaal. Yaasoo gabaasun keenya niyaadatama.

Qabamu jaal. Yaasoo Kababbaa ilaalchisun itti gaafataman wajjira komiinikeeshinii Oromiyaa kan ta'e Hailu Addunyaa fuula Facebook isaa irratti akka manxasetti Yaazoo Kababbaa qarshii Mil. 13 waliin Baankii Anbassaa jedhamutti qabame jedha.

Haa ta'u malee Baankiin Biyyaalessa Xoopiyaa ibsa October 7/2020 baasen namnni dhunfa guyyatti qarshii 200,000 olbaasu hin danda'u jedha.

Kadirooni PP shira qabsaa'oota Oromoo irratti xaxuu akkuma beekan ammas Barreessafi Qondaala Siyaasa ABO Jaal Yaasoo Kababba irratti shira siyaasa xaxuu kan mulisuudha.

" wan bekuu qabdaan Kanaa Fi Kanneen kana Jala fiiganiis Ofumaaf Maraatanii hafan malee Gufuu bilisummaa Oromoo tahuu hi...
18/11/2021

" wan bekuu qabdaan Kanaa Fi Kanneen kana Jala fiiganiis Ofumaaf Maraatanii hafan malee
Gufuu bilisummaa Oromoo tahuu him danda'an
Uummata Oromootiis burjaajessuu hin danda'an
Haala kanaan iyyaa Oolaniis Aangoo hin Argatan
Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Muudamni Akka ppti nama Olola Oofuu danda'u ilaalanii muudan hin jiru Waan ta'eef
Muudama barbaaddan Yoo tahe PP biratti bootaa baayyeetu jiraa Yeroon taan hogaana barbadanimithii duraa ppp tana chabsaniithi hogaana filatanii sunuu isin duraa Dhumaa jiraa.

04/11/2021

Oromiyaa

01/11/2021
01/11/2021


Sadaasa 1/2021
Bulchaan Shawa roobi ilmaan oromoo irratti maqaa shanee lolla jedhuun lola labsee jira.
Lolaa guyyaa kaleessaa taheen WBO fi ummanni oromoo walloo waliin tahuun kan godina isaa magalaa baadiyyaa hundaa kan Gabroomfataa sirnaa habashaa jalaa of bilsaa baasee yoo tahuu,bulchaan shawa roobi kun sodaa waan qabuuf jecha lola labsee qotee bulaa wal ficisiisuuf akka jiru baramee.
Ummanni oromoo walloo yeroo kana lafaaf lafee mukaaf dhagaa lagaaf gaara jaarra 400 ol gabroomee dhiigaa keenyaan bilisaa baafnaa waan jedhanii lafaa ol ka’anii jiraniif kanatti gufuu tahuuf labsamee jedha jiraatoonni godina walloo kun.
Akkuma beekamu gaafa Juntaa injafanne xilaatiin/diini keenyaa guddaan ummata oromoo walloo jedhanii dhaadatuun isaanii ni yaadatamaa garuu har’a ummanni isaan diinaa jedhan sun bilisaa of baasee jira.
DABALATAA ODUU
Guyyaa har’a kana walloo Aanaan baatee baadiyyaan ishee guutummatti Toohannoo WBO jalaa akka jirutu bilbilaan mirkaneefannee jira.
Yeroo ammaa kanaa lolli Baadiyyaa irratti goolabamee gara maagalaa baatee tohatuutti kalaawamee akka jiruus namni bilbilaan dubbisnee kun nuuf hime jira.
Ummanni keenyaa goola hundaa akka nageenyaa fi bilisummaa isaa eegatuus ergaan darbee jira.

Address

Riyadh
12211

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wbo Nonii bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category