08/04/2022
**Oromoo fi Oromiyaan nama dagachuu hin qabne daganne jirra!**
Waggoota muraasa dura weellistuun warreen Latiyoo beekamtuun Selena jedhamtu tokko turte.Amma addunyaa kana irraa wareegamte jirti.Lubbuudhaan hin jirtu. Ajjeechaan erga irratti raawwatame waggoonni 27 darbe jira.Dhalatte umurii ishee addunyaa kana irraa waggaa 23 jiraatte keessatti leellistoota million baayyee horatte jirti.Iccitiin ajjeechaa ishee maal akka tahe sirrittii beekuun nama rakkisuus hardhaa wareegamte jirti.Dubbii gaariin garuu akkaataan ajjeechaan ishee itti raawwatame leellistoota isheetti gaaffii fi hibboo hin taane.Leellistoonni ishee ajjeechaan kun eenyu fi akkamiin akka raawwate odeeffannoo guutuu qabu.Gara kaayyoo barreeffama kiyyatti isin haa dabarsu.Innis maaliif waa’een Weellisaa keenya Haacaaluu Hundeessaa eenyu fi maaliif akka ajjeeffame odeeffannoo dhabne laataa?!Waan kanarratti odeeffannoo guutuu waan hin qabnef leellistonni isaa boqonnaas tahe hargalfii dhorkamne jirra!Dubbii hunduma siyaasaa taasisuu dhiisnee dhugaa yoo dubbanne mootummaaniis tahe uummanni naannoo sana dubbii ajjeechaa Haacaaluu kana hin beeku jechuu ni dandeenya jamaa?!Weellistuu Selena’n yeroo rasaasaa qawweedhaan rukkutamte sagalee,’’Yoo-laan-daa,... ‘’ jettu dubbatte turte.Selenan hoteela keessatti waan tahedhaaf ragaan jira jechuu dandeenya.Kan Haacaaluu daandii irratti raawwatame kanaaf hin beeknu jechuu garuu itti gaafatamtoota seenaa nama taasisti!Weellistuu jabduu kana kan lubbuu ishee galaafatte hiriyyaa hojii ishee ‘Yolanda’ akka taatedha!Kaayyoon koo waa’ee weellistuu Ganna 23 beekamtii guddaa gonfatte barreessuu miti.Waa’ee ishee kan barreessuu yookiin immoo dubbachuu irraa darbame seenaa ishee miti weelluuwwan ishee hedduu irratti iyyuu Afaan adda addaadhaan ‘documentary’’ dalagame jira.Nuyi sabni Oromoo ammayyuu waan daganne baayyee waan qabnun seha!Qabiyyee barreeffama kiyya gabaabsuuf dirqame jira!Gabaabaatti weellisaa Haacaaluu nama dagatamuu hin qabne daganne jirra!Erga Haacaaluu daganne warreen hardhaa lubbuudhaan jiran Oromoodhaaf wareegamu qabdu jechudhaaf akka isaan